header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

528: Namni tokko yoo janaabee bishaan dhiqatuun dhabe akkamitti salaataa?

  • Home
  • Qulqullina
  • 528: Namni tokko yoo janaabee bishaan dhiqatuun dhabe akkamitti salaataa?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Namni tokkko yoo janaabee bishaan dhiqatuun dhabe akkamitti salaataa?

 

 

Deebisaa: Tayammuuma godheeti salaata. Egeri yeroo bishaan aragate ni dhiqata. Salaata taymuumaan salaate sanillee wayta bishaan aragate hin deebisu.

Sheikh Abdurahman Shariif

 

 

Namni tokko dhiiras tahee dhalaan, jaarsaa fi jaartiin walitti dabalamuun, hirriba keessa manaamaan janaabawee, yookaan ammoo karaa haraamiitiin harkaan ifirraa baasuun haatayuu, eega janaabee miila irraa hanga mataatti bakki tokko osoo hin hafne dhiqachuu qaba. Haatahuuti sodaa qabbanaatiif yookaan ammoo sababaa fayyaatiin tayammuma godhee yoo salaate rakkoo hin qabu. Janaabaa osoo qabu garuu wuduu’a godhee namni saalte saalaatni sun hin taatu. Wuduu’aan janaabaan namarraa hin kufu.

Dr.Liwa’ul Islam

 

Deebisaa Ulamoota Biyya Alaa

Waahunda dura namni tokko manaamaan taatu, yokaan ammoo walitti dabalamuun taatu haalakamiinuu yoo janaabe dhiqachuun dirqama. Rabbiin subhaanahuu wata’aalaa akkana jedha:

 “…Yoo janaabaa taatan hanga dhiqattanitti salaatatti hin dhihaatinaa” [al-Nisa’ 4:43]

Namni bishaan dhabee, ykn ammoo sababa dhibeetiin bishaan jiraatus fayyadamuu dadhabuun yoo kan hin dhiqanne tahe ammoo, tayammuma godhee salaatuu ni dandaya.

Haaluma walfakkaatuun namni manaamaan janaabee bishaan qabbanaawaa yoo dhiqate ni dhukkubsataa sodaatee fi kan ammas bishaan san waan itti hoo’ifatu dhabe, yookaan ammoo bishaan tokkollee dhabee bakki irraa fidatu haalaan irraa fagaate, ammas tayammuma godhee salaatuu ni danda’a. garuu haala kamiinuu wuduu’ni janaabaa namarraa buusuu waan hin dandeenyeef, yeroo bishaan argame dhiqachuun barbaachisaadha.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 20
Views: 3189

Kanas dubbisi!

557. Uffata yeroo heydii uffatan osoo hin dhiqin ittiin salaatuun hayyamamaa?
521: Istinjaan duratti harka dhiqachuun barbaachisaadhaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

5 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button