header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

547: Namni sababaa garagaraatiin ramadaana soomanuu hin dandeenne haala kamiin hiyyeessa nyaachisa?

  • Home
  • Soomana
  • 547: Namni sababaa garagaraatiin ramadaana soomanuu hin dandeenne haala kamiin hiyyeessa nyaachisa?
Estimated reading time: < 1 min

Namni sababaa garagaraatiin ramadaana soomanuu hin dandeenne, waajibni yookaan dirqamni isarra jiru galgala hunda nyaachisuudha. Haata’u malee guyyuma tokko namoota soddoma waamee nyaachisuunis inuma taha. Galgala ramadaana 2 keessatti gaafa tookko namoota 15, gaafa birootis namoota 15 walumaagalatti namoota 30 yoo nyaachises ni taha; yookaan ammoo haaluma isaa mijaayeen gaafa murtaayetti namoota 30 yoo nyaachises inuma taha. Garuu irra caalaan galgala ramadaanaa hunda nama tokko nyaachisutu irra caalaaf. Gaafa Xumuraa namoota 30 yoo nyaachises inuma taha, garuu Kheeyritti daddafutu irra caala. Walumaagalatti nama soomuu hin dandeenyeef nama miskiinaa nyaachisuun dirqama soomanaa ifirraa buusuufi ajrii soomanaa akka argatuufis isa gargaara. Deebisaa guutuu sagalee irraa dhageeyfadhu.

Dr. Jeeylaan H/Khadiir

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 47

Kanas dubbisi!

548: Namni imaltuu bahe yoo dandahee soome akkamitti ilaalama?
546: Manguddoonni umrii isaaniitiin walqabatee soomuu hin dandeenye maal godhuu qaban?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!
Back to top button