header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

573: Jaarsi kiyya hin salaatu, yoo salaati jedhuun “situ na gorsaa?” jedhee naan lola.

  • Home
  • Bultii
  • 573: Jaarsi kiyya hin salaatu, yoo salaati jedhuun “situ na gorsaa?” jedhee naan lola.
Estimated reading time: 1 min

Dhimma salaataa kana osoo itti hin heerumin dura hubachuu qabdi ture. Namoonni heddu eega bultii jaaranii booda yoo wal dhaban, waa’ee diinaa kana sababaa godhanii dhiheeyfatan malee, rakkoon isaanii waanuma biroo taha. Yeroo garii hijaaba uffachuu na dhoorka jetti, ykn hin salaatu jetti, ykn farshoo dhuga jetti. Haala Kanaan rakkoo heddu isarraa himti. Silaa waan kana amma eega itti heerumte ilmaan heddu irraa hortee booda osoo hin tahin, jalqaba osoo itti hin heerumin qorachuu qabdi ture.

Inni yoo salaata dide isiin gorsuu dirqama qabdi. Inni ammoo “Situ na gorsaa” isiin jechuun if tuulummaadha. Namni Muslimaa tokko akkana jechuu hin qabu. Ergamaan Rabbii (SAW) haadha manaa isaanii irraa gorsa fudhataa turan. Inumaa dhimma tokko tokkorratti namni isaan waliin marihatan warra manaa isaanii turan. Namni haadha manaa isaa wajji marihatee walii galee hin jiraanne jiruun isaa rakkoo keessa jirti. “Situ na gorsaa?” isiin jechuun isaa kuni wallaalarraa dhufe.

 

Gama gaafii isii yoo as deebine, namni salaata dhiise ni kafra moo hin kafruu irratti, ulamaa’iin bara durii irraa eegalee hanga ammaatti irratti wal dhaban. Hadiisa heddutu jira; namni salaata dhiise kafaruu isaa qajeelaan kan dubbatu. Ulamaa’iin gariin ‘Namni salaata dhiise ni kafara’ jechuun tun, kufriin tun kufrii Islaamummaa keessaa isa baastuu miti warra jedhutu jira.  Akka hundattuu wal gorsanii, dubbii walirraa fudhatanii gama karaa haqaa wal deebisutu irra caala. Yoo inni nama hin qajeelle tahe, yoo yeroo hunda gorsa isii kana fudhachuu didee salaata dide; isiin hiikkaa gaafachuu mirga guutuu qabdi. Kuni sababa Xalaaqaa ni taha. Kun bultii diiguudhaaf sababaa gahaadha. Namni waa’ee duniyaatiifuu addaan bahutti jira. Kun ammoo dhimma duniyaa hundarra caalu. Waan akkaan gudaadha. Jaarsi isii kun yoo guutumatti salaata didee gorsa isii fudhachuu dide, xalaaqa gaafattee nikaaha ofirraa buustee isaan adda bahu mirga guutuu qabdi.

Sheikh Muhammad Haamiddiin

 

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 736

Kanas dubbisi!

574: Abbaa manaa kiyya wajji osoo hin rafin dura salaata subhii galgalaan salaatuu dandahaa?
564. Mahrii malee nikaaha hidhuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. Asw akkami ngy fayyadha warri saganta babredu tana nuf qopeysitan nuti qopi kessani wa heddu irra baranesi ittis ni buhara heddu galatoma
    Ani nama yero heddu isin dhageyifatu ammo gafif harawa

    Gafin kiyya ani abban mana kiyya nama gaaridha ammo salata kana gize fadhe salaate gize fadhe dhisa ammasi sijara dhuga sababa kana Wal lolla ammale yo ani namini hin salanne ADDA bahu dandessa jatti jadheni ayata kamitu akkana jadha nan jadha?
    yero heddu osuma akkasi har’a isha’i salati jadheni boqonna godhe salata jadhe halikan qixxe tahe ka’i jadhe jeqe anis baqa hin raftu anis dhorga hirriba jadheni wa’e rabbi itti hasawe ani rabbi ke sanu hin beku nan jadhe egasi firra dhise kafarite jadheni innis akkasuma rafe oso hin salatin me shari’ati akkami dubbin kuni galatoma

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button