header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

646: Eega Nikaha hidhannee booda hamtuu irraa arge

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Intalti takka eega nikaaha hidhattee booda, osoo walitti hin makamin gurbaa irratti hamtuu agartee yoo dhiifte badii ni qabdii?

 

 

Deebisaa: Namni tokko hogga nama biraatti heerumuuf murteessu (dhiiras tahu dhalaan) nama san sirritti qoratee beekuu qaba. Intalti guraabaa, gurbaanis inatala fedhe san halaa-amaalaa fi dalagaa walii beekuu qaban. Eega nikaaha godhattee boodatti osoo walitti hin makamin waan jiruu isii fi isaatis miidhu yoo beekte, yookaan dhageesse, yookaan ammoo agarte, takkaahuu ammoo yoo inni isii kijibuu hubatte; Fakkeenyaaf jaartii biroo hin qabu jedheenii dubbiin sun kijiba tahuu boodarra beektee yoo obsa dhabde, yaada isii jijjiiruu mirga qabdi. Sababaan isaatu kijibaa fi nama hin amanamne tahee argame.

 

Wolumaa galattuu intalti Nikaaha godhatte takka osoo wajji hin rafin yoo gurbaan adda baate, iddaa yookaan guyyaan eeggattullee hin jiru. Guyyaa inni hiike, yookaan guyyaa lammeessoo heerumuu dandeessi. Rabbiin Subahaanahu Wata’aalaa Suraatu Ahzaaba Ayaata 49 keessatti akkana jedha. “intala takka nikaaha godhattanii osoo hin tuqin yookaan walitti hin makamin yoo adda baatan, waa takkallee wanti isii irraa eeggattan hin jirtu, iddaas hin qabdu”. Kanaafuu namni tokko eega nikaaha godhatee booda, waan hamtuu boru jiruu isaanii balleessitu yoo wal irraa arge, osoo walitti hin makamin adda deemuun badii takkallee hin qabdu.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 1815

Kanas dubbisi!

655: An irraa turraan qaadiin nikaaha buuse
616: Intala osoo itti hin dabalamin hiikaniif mahriin kennamuu qabaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button