header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

665: intala fuudhuu fedhan maal isii laalan?

Estimated reading time: 2 min

Gaafii: Namni tokko intala fuudhuu fedhu yoon laallate akkami?

 

 

Deebisaa: Namni dhiiraa intala fuudhuuf barbaaduu fi intaltinis tan heerumuu barbaaddu wal laallachuun islaamummaa keessatti halaali. Haadhaa fi abbaan intala tiyya laaluun hin ta’u jedhanii yoo dhoorkan, wallaalummaa isaaniiti. Wal laallatiinsa jechuun garuu daangaa qaba. Hoteelaa fi kaafteeriyaa addaa keessa kophaa wajjiin deemanii bashannanuu, wajji waan haraam dalaguu miti. Wal laallatiinsa yoo jedhamu waan daqiiqaa muraasa keessatti raawwatamuudha. Dhiirri waan mormaa olii yoo laale isaaf gaha. Waan mormaa gadii laaluun yoo barbaachise ammoo; haadha, obboleettii fi adaadaan isaaf laaluu ni danda’u. Nabiin keenyalleen(SAW), “Akka jidduu keessanitti jaalalti umrii dheerattuuf wal laalladhaa” jedhan.

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa

Islaamummaan akka ija gad qabannuu nu ajajji. Kunis qalbii namootaa qulqulleessuu fi kabajaa isaanii eeguudhaaf kan taasifameedha. Haa ta’u malee yeroon islaamummaan warra saala faalla akka ilaallu nuuf hayyamte ni qabdi. Sunis wantoota haalaan barbaachisoo ta’an of keessatti qabata. San keessaa inni tokko gaa’elaaf wal kaadhimachuudha. gaa’ela dura wal laallachuun jireenya of duraa nagayaan jiraachuudhaaf hedduu tajaajila. Haala Kanaan islaamummaa keessatti intala fuudhuu kajeelan laallachuu heeyyamuu isiitiif ragaan hadiisaa ni jira.

 

Jaabir ibn Abdallaah Rabbi irraa haa jaalatuu akkana jedhe, “Ergamaan Rabbii SAW ‘isin keessaa namni tokko intala takka fuudhuu yoo barbaade, waan isii fuudhutti isa jajjabeessu isii irraa laaluu yoo barbaade haa ilaalu’ jedhan. Anis intala takka jaaladhee isii fuudhuudhaaf dhokadhee laaluuf yaaleera. Xumura irrattis waan barbaadu argee wanti sunis fuudhatti na kaasee fuudhe” jedhe. (Sunan Abu Daawud)

 

Abu Hureeyraan Rabbi irraa haa jaalatuu akkana jedhe, “Anaa ergamaa Rabbii SAW waliin taa’utti jiruu namni tokko dhufee dubartii Ansaaraa takka fuudhuu akka barbaadu dubbate. Ergamaan Rabbiitis SAW ‘laallattee jirtaa?’ jedhanii gaafatan. Innis, ‘lakki’ jedhee deebise. Ergamaan Rabbiitis SAW ‘deemiitii laali. Ija Ansaaraa keessa waatu jira’ jedhaniin”. (Sahiih Muslim 1424)

 

Ulamaa’iin namni tokko hagam laaluu qaba kan jedhu irratti yaada garagaraa qaban. Fakkeenyaaf Imaamu Shaafi’iin, namni intala ilaaluu barbaadu harkaa fi fuula qofa akka laalu qabu dubbate. hayyamsiisee ykn ammoo osoo isii hin hayyamsiisin laaluu mirga qaba. Garuu rifeensa isii laaluu hin qabu jedhe.

 

Ibn Rushd ammoo, ‘harka, fuulaa fi faana laaluun ni hayyamama’ jedhe. Imaamuu Maalik fi Imaamu Ahmad ammoo, ‘fuulaa fi harka hanga ciqilee laaluun ni danda’ama’ jedhan.

 

Walumaa galatti Namni dhiiraa intala takka kaadhimachuu yoo barbaade, qaama mul’ataa ta’e kanneen akka harkaa, fuulaa fi faanaa laaluu ni danda’a. wantoota kanniiniin ala jiran laaluun yoo isa barbaachise gargaarsa dubartoota biraa gaafatuu mirga qaba. Namni dhiiraa tokko intala laaluu yoo barbaade osoo hin hayyamsiisinis dhokatee laaluu ni danda’a. Haa ta’u malee laalcha dhokatee laalu kana daangaa itti godhuu isa barbaachisa.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 1337

Kanas dubbisi!

667: Osoo wal hin tuqin siree tokkorra buluun zinaa jedhamaa?
659: Ilmaan Abbeerotaa wal fuudhuun haraami moo halaali?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button