header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

707: Soomana sunna walitti dhaabanii Soomanuu

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: An Soomana Isniina (wiixataa) fi Khamisaa aadaa godhadheetiin jira. Guyyoota biroo hoo itti dabalee soomanuu danda’aa?

 

 

Deebisaa: Dura irratti Rabbiin dubartoota akka keetii nuuf haa heddummeessu. Soomanni sunnaa bifa garagaraa qaba. Walitti dhaabanii soomanuunis, Akka Nabiyyallaah Daawud (AS) guyyaa tokko soomanaa guyyaa tokko furuun rakkoo hin qabu. Garuu nama mana namaa keessatti dalagdu yoo taate, soomanni kee kun ammoo dalagaa isaaniitirratti dhiibbaa qabaata taanaan dhoorkaadha. Dalagaa saniin miindaa irratti argatta waan taateef, dalagaa isaanii dalaguun waajiba, Soomana sunnaa soomanuun ammoo Sunnaadha. Kanaafuu waajiba namaa hin balleessin.

 

Lammeessaa, yoo jaarsa qabaatte, odoo jaarsa kee hin gaafanneen duratti Soomana sunnaa soomanuun dhoorkaadha. Yoo inni sirraa fagaatee biyya biraa jiraate malee. Yoo ammoo nin danda’a, dalagaan waa takka na hin miitu rakkoo hin qabu yoo jette simatu if beeka. Dabalataan warri biratti dalagdu kun yoo wajji nyaattuu fi dhugdu sirraa gammadan. Hoggayyuu an soommana jechaa kophaa taa’aa kophaa nyaachuun kun, Si shakkuu fi haalli hamaan akka isin jiddutti uumamu godhuu mala. Sunnaadhaaf jecha Waajiba keetii fi haqa warra waliin jirtuu hin balleessin.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa

 

Namni tokko guyyaa torba ykn kudhan walitti dhaabee soomanuu ni danda’a.

 

Aa’ishaan (RA) akkana jechuun dubbatte, “Ergamaan Rabbii Sallallaahu Alayhi Wasallam, haga nuti dhaabutti hin jiran jennee shakkinutti walitti dhaabanii soomanan. Ammas Haga nuti amma booda hin soomanan jennuttis soomana addaan kutan. Ji’a Ramadaanaa yoo taate malee isaanii ji’a guutuu soomanan hin argine. Guyyoota hedduu ammoo ji’a Sha’baan keessa soomanan.” ( Bukhaarii 1833, Muslima 1956)

 

Hamzaa bin Amr Al Aslamii (Rabbi irraa haa jaalatuu) ergamaa Rabbii Sallallaahu Alayhi wasallam akkana, “Yaa ergamaa Rabbii, Ani nama walitti dhaabee soomanuudha. Yoo imaltuu bahe soomanuu danda’aa?” jechuun gaafate Ergamaan Rabbiitis “Yoo barbaadde soomani, Yoo barbaadde furi” jedhaniin. (Sunan An Nasa’ii 2301)

 

Kanarraa ka’uudhaan namni tokko walitti dhaabee soomanuu ni danda’a kan jedhu hubatuu dandeenya. Haa ta’u malee wanti kun guyyoota soomanni dhoorkaa keessatti godhame keessa ta’uu hin qabu. Sunniinis  guyyoota Iidaatii fi guyyoota tashriiqaati (Ayyaama Tashriiq).

 

Dhimma walitti dhaabanii soomanuu kanarraa Sheykh ibn Jibriin gaafatamanii turan. Wayta deebisanis akka Rasuulli ﷺ godhanitti guyyoota heddu walitti dhaabanii soomanuu, san booda ammoo guyyoota hedduuf addaan kutuutu caala. Ergamaan Rabbiitis akkas godhan jechuun dubbatan.

 

Sheikh Salah Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 388

Kanas dubbisi!

695: Ramadaana keessa guyyaan wal qunnamtii salaa raawwachuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button