header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

715: Qumxaa uffachuun hayyamamaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Namni tokko yeroo wudu’atu qumxaadhaan yoo wudu’ate maal qaba?

 

 

Deebisaa: Wanti dura silaa gaafatamuu malu, qumxaan hayyamamaadha moo dhoorkaadha kan jedhu ture. Qumxaa wanni jedhamu waan jilbaa oliiti. Kanaaf jecha Qumxaan hukmii shari’aa keessatti dhoorkaadha. Bakka silaa sattaramuu ykn dhokfamuu qabaatu irraa fuudhe. Kanaaf jecha wanni jilbaa ol darbe dhoowwaadha. Barmoodaa kan jedhamuu fi jilba bira kan gad taru yoo ta’e rakkoo hin qabu. Garuu Qumxaa uffatanii wudu’achuun wudu’a hin balleessu.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa

 

Ammaan tana qumxaa uffatanii warra Ispoortii taphatu arguun baramaadha. Kan duraatii ispoortiin dhoorkaa hin qabu. Garuu wantoota waajiba ta’anirraa isin shaagaluu hin qabu. Salaata isin jala dabarsa taanaan dhoorkaadha. Ammoo namni guyyaa guutuu isuma taphataa oolu ammoo yeroo ofirraa balleessaa jira waan ta’eef, nama sanirratti jibbamaa ta’a. Yeroo salaatni gahu salaataa, ammas ispoortima sanitti deebi’a yoo ta’e isa irratti jibbamaa ta’a.

 

Gama biraatiin qumxaa uffatanii taphatuun islaamummaa keessatti dhoorkaadha. Kanaaf jecha namni qumxaa uffatuu barbaadu qaama isaa kan jilbaa ol jiru wahuma ta’een dhoksuu qaba.

 

Sheikh Saalih Al Munajjid

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 583

Kanas dubbisi!

708: Mallaqa dhalaa Baankitti dhiisuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

3 Comments

  1. Assalaamu aleeykum warahmatullaahi Wabarakaatuhuu yaa warra Nuuralhudaa, gaafiin kiyya dhimma Zakaati.akkuma beekamu biyya keenna keessatti qoonni bu’uura galii keessaa isa ijoodha. Kanaaf ammoo wayta oomishni sassaabame Zakaan ni baafama. Ha ta’u garuu namoonni tokko tokko baasii itti baafne fkn: Xaa’oo, Farra aramaa, Farra waagii, qarshii ittiin facaafnee fi kkf irraa hir’ifnee waan achirra hafe Zakaa goona jedhu. Mee asirratti yaada ulamootaa nuun gahaa, jazaa kumullahu keeyran.

  2. Aswrwb gaaffin kiyyaa amata faranji ammas chrismas fikkkf namni muslima FB kanarraa kan eegalu isaan tahee tokko tokko jechuu kiyya kun akkami? Foon kiristanni qalee nyaachuun akkami? Warri ahalul kitab amma ni jiraa?

  3. As wr wb akkam jirtan?
    Gafin kiyya namni tokko yero imaltuurra jiru ramadana keysa mana nyataati suhura nyate oson kafalin dagate deeme debie kafaluf bakka isaa hinbeyne akkam godhu qaba?somanni guyya sani hoo rakkina fidata?galatooma.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button