header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

20: Hukmiin Taraawihaa maali?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Hukmiin Taraawihaa kun maal inni? salaataa takka yoo dhiisanis maal qabaa? Yoo ammo dubartiin dhuftee dhiirri dhufee salaatan waajiba moo inni kun maalii?

Deebisaa: Waajibummaa hin qabu taraawiin garuu caalinna guddaa qabaa jamaan dhaabbachuun keeyrii gurguddatu keessa jira jechuudha malee, yoo akka biyya gariititti dhiiraa dubartiin walitti dhufanii Taraawiiha dhaqna jedhanii maasiyaa adda addaa ka dalagamu taate, ka namuu Taraawiihaa yaana jedhanii ijoolleen dubraa bikka hedduutti walitti dhufanii waan Rabbi hin jaalanne  maalaayaani adda addaa oofan taate haraama taatiyyu jechuudha salaata saniif bahuun. Salaanni salaata sunnaatii namni mana ufiitti salaatuu ni danda’aa, garuu yoo akka amma bikka hedduuti barnaamijjini isaa qajeelee dhiirris akka gaaritti walitti dhufee adabaan dubartiinis walitti dhuftee ka rakkoo tookko hin argamne namuu maatii isaa makiinaa isaatiin fudhatee salaatee fudhatee ka deebi’u yoo taate, ka keeyriin keessatti  ka argamuu yoo taate faayidaa guddaa qabaa.  Keeyrii gurguddaa saammachuun yoo gorsi keessa jiraatee fa’a, namni Rabbi sodaatu ka namaan salaatu ta’ee, Qur’aana kanallee xiinxallaa isaatiifii gorsa achitti kennamullee fudhachuun faayidaa qabaatu taate dhaqanii salaatuun akkaan jaallatamaadha, laakiin waajibummaa hin qabuu jedha Shari’aan.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 287

Kanas dubbisi!

21: Taraawiiha Raka’aa Meeqa Salaatan? 8, 11, 23?
19: Imaamatti hidhatanii yoo salaatan Faatihaa Qara’uun dirqamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button