header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

62: Shaayii oowwituu afuufataa dhuguun dhoorgaa qabaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Nama shaayii oo’ituu dhaabbatanii hin dhugan; takkaahuu hafuura itti hin baafatan; takkaahuu hin afuufan je’ee haasawuun dhagaye, Dubbiin tun akkami?

 

 

Deebisaa: Ta duraatii wanni dhaabbatanii dhugan oowwituu taatu qabbanooftuu taatu haraam calla jechuun dogongora. Nabiin keenya ? dhaabbattanii hin dhuginaallee je’anii garuu ufiifillee dhugan. Hadiisni akkas je’u sun eegalama Islaamummaati. Kan boodaa kan Nabiin Rabbii ? hujiidhaan ufii dhaabbatanii dhugan halaal ta’uu nama garsiisa. Kanaafuu waa hunda keessa hubatan malee karaa miti jechuu irraa if eeguu qabna. Ta   keessatti hafuura baafachuudhaa ammoo Nabii Rabbiittu dhoorke ?. Hogguu waan takka dhugnu akka gaalaatti walitti dhaabanii takkaahuu akka harreetti afaan itti dhaabanii dhuguun dhoorka. Habbuuqattee eega jettee waan itti dhugutti jirtu irraa afaan kee xiqqoo achi fuudhi. Akkuma san yoo waan oowwituu taates afuufuun dhoorka. Qarruu ufirraa  hafuuraan afuufuun dhoorka. Kun ammoo adaba fayyaa ilma namaa keessatti Nabiin Rabbii ? nu barsiise. Hafuurri afaan kee keessaa bahu kun waan dhugdu kana irratti waa fida. Bakka tana keessatti ilmii fayyaattu jira.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 156

Kanas dubbisi!

68: Jaarsa Adaadaa tiyyaa harka fuudhuun naaf hayyamamaa?
57: Peepsiifi kookaa dhuguun haraamii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button