header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

84: Tayammumni Janaabdaa namarraa buusaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Jaarsaa jaartiin walitti ida’amanii, takkahuu dhalas haa ta’uu dhiiras namni tokko yoo manamaan bishaan irraa bahe tayammumaan salaatuun ni danda’amaa? Yoo bishaan qabaatanii qabbanaaf hin dandeenye hoo?

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii bishaan dhabuun kun manuma kana keessa laaltee dhabuu qofaa miti. Hamma miilaan deemuu dandeessutti dukkaana ta’us bakka dhaqabdutti bishaan deemii laali. Yoo bishaan ka dhabamu taate, tayammuma godhiitii salaata kee salaati. Eega bishaan arkattee qaama kee dhiqattee booda salaata san hin deebiftuu beeki. Akkuma san gartee haydiinillee intalti takka xahaarachuu geessee bishaan yoo dhabde haydii guyyaa silaa xahaarattu san tayammumaan salaatuu ni dandeessi. Janaabdaan jaarsaa jaartiin walitti haajamuun haa ta’uu, manaamaan haa ta’uu hukmiin waluma qixa. Garuu ammoo bishaanumman sunuu jiraatee xalasa dhabdee yoo dhiqachuu hin dandeenne bishaan qabbanaawaadhaan rakkina ufirra hin fidinii tayammuma godhii salaati. Hogguu ammoo bishaan kana oowwifatte salaata kana hin deebisin.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 526

Kanas dubbisi!

94: Namni soomanaa qaama dhiqachuun maal qaba?
83: Huccuu yeroo haydii uffachaa turaniin salaatuun tahaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button