header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Hajjii fi Sirna qalmaa

Hajjiin Arkaana islaamaa shanan keessaa tokko. Namni Muslima tahe, osoo qabeenyaa fi fayyaa qabu hajjii hajjuu yoo dide, amalli oftuuluu isa keessa jiraa jechuudha. Muslimni sirnoota hajjii raawwatu immoo Gooftaa isaatiif of gadi qabaa jiraa jechuudha. Kanarraa kan ka’e, Rabbitti dhiyaata; jaalala Isaa argata. Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedha:
(وَلِكُلِّ أُمَّةࣲ جَعَلۡنَا مَنسَكࣰا لِّیَذۡكُرُوا۟ ٱسۡمَ ٱللَّهِ عَلَىٰ مَا رَزَقَهُم مِّنۢ بَهِیمَةِ ٱلۡأَنۡعَـٰمِۗ فَإِلَـٰهُكُمۡ إِلَـٰهࣱ وَ ٰ⁠حِدࣱ فَلَهُۥۤ أَسۡلِمُوا۟ۗ وَبَشِّرِ ٱلۡمُخۡبِتِینَ)
Akka wanta Rabbiin isaaniif kenne (beellada qalamu) irratti maqaa isaa dhayaniif ummata hundaafuu sirna qalmaa goone. Gabbaramaan keessan Gabbaramaa tokkicha, kanaafuu isaaf harka kennaa. Warra isaaf of gadi qaban gammachiisi.”Suuratu Al-Hajj 22:34

Sirnoonni hajjii Rabbiif of gadi qabuu fi Isatti dhiyaachuuf carraa namaaf kennuu waliin, nafseen namaa akka qulqullooftuuf gahee ol’aanaa taphata.
Wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuun Isaaf of gadi qabuudha. Kanaafu, warra isaaf of gadi qaban mindaa guddaa akka qaban ibsuun Rabbiin gamanumaa isaan gammachiise.

Namni oftuulu immoo Gooftaa isaa irraa fagaachu waliin dallansuu fi adabbii isaatiif saaxilama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button