header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Karaa Rabbii irratti nama yaamuun salphaa tahuu dhabuu mala!

Anbiyoota Rabbii dabalatee namoonni karaa Haqaatti da’waa godhaa turan hundi rakkoo keessa ni darban.

Nabiyullah Ibraahim (aleyh salaam) da`awaa babal’isuu irraa isa dhoowwuuf dhiibbaan abbaa fi ummata isaa irraa isa qunnamee ture. Garuu inni dhiibbaa kanaaf gadi jechuu ni dide. Amantii isaatiif jedhee nafsee fi qabeenya isaatiin wareega kafaluun karaa isaa itti fufe. Kanaafi, Rabbiin akkana jechuun isa faarse:
قَدْ كَانَتْ لَكُمْ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ فِي إِبْرَاهِيمَ وَالَّذِينَ مَعَهُ إِذْ قَالُوا لِقَوْمِهِمْ إِنَّا بُرَآءُ مِنْكُمْ وَمِمَّا تَعْبُدُونَ مِنْ دُونِ اللَّهِ كَفَرْنَا بِكُمْ وَبَدَا بَيْنَنَا وَبَيْنَكُمُ الْعَدَاوَةُ وَالْبَØْضَاءُ أَبَدًا حَتَّىٰ تُؤْمِنُوا بِاللَّهِ وَحْدَهُ إِلَّا قَوْلَ إِبْرَاهِيمَ لِأَبِيهِ لَأَسْتَØْفِرَنَّ Ù„ÙŽÙƒÙŽ وَمَا أَمْلِكُ Ù„ÙŽÙƒÙŽ مِنَ اللَّهِ مِنْ شَيْءٍ Û– رَبَّنَا عَلَيْكَ تَوَكَّلْنَا وَإِلَيْكَ أَنَبْنَا وَإِلَيْكَ الْمَصِيرُ
 “Dhugumatti, Ibraahimii fi warra isa waliin turan keessa itti hidhannaa gaariin isiniif ta’eera. Yeroo isaan ummata isaaniitiin, “Dhugumatti, nuti isinii fi wanta isin Rabbiin alatti gabbartan irraa qulqulluudha, isin morminee jirra. Hanga Rabbii Tokkichatti amantanitti nuu fi isin jidduutti diinummaa fi jibbummaan abadii ifa bahee jira.”jedhan, [itti hidhannaa gaariitu isiniif jira.] Jecha Ibraahim abbaa isaatiin: ‘Araarama siif kadha, [adabbii] Rabbii irraa homaa siif gochuu hin danda’u.’ jedhe malee. Gooftaa keenya sirratti hirkanne, gara Keettis deebine, deebiin garuma keeti. “ Suuratu Al-Mumtahinah 60:4

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button