header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Rahmata Rabbiitiin Jannata Seenan Moo Dalagaan Jannata Seenan?

Namoonni hedduun waan Rabbiin dalagaa jedhe osoo hin daleyne, waan Rabbiin hin dalaginaa jedhe ammoo dalagaa, akkasuma Salaatallee osoo hin salaatne akki Jedhan “wanni jannata nama naqu/galchu dalagaa teenya osoo hin tahin Rahmata Rabbiiti”jedhan. Jechi isaani kun sirriidha. Garuu wanni beekuu qabnu namni Rabbiin Rahmata godheefii jannata galchu sun nama akkami ? Yookaan ammoo Rahmata Rabbii warra akkamtu arkata?
Gaafii tanaarratti qur’aanni akkana jedha:

وَأَطِيعُوا اللَّهَ وَالرَّسُولَ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ
“Ajaja Rabbii godhaa(raawadhaa), ajaja ergamaa Rabbiitis godhaa! Akka Rahmata arkattaniif (Rahmanni isiniif Godhamuf)”
Suuraa Al Imraan aayata 132

. وَأَقِيمُوا الصَّلَاةَ وَآتُوا الزَّكَاةَ وَأَطِيعُوا الرَّسُولَ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ

“Salaata Dhaabaa (Salaataa), Zakaa Kennadhaa akkasuma ajaja Ergamaa Rabbii godhaa(raawwadhaa)! Akka Rahmata arkatanniif(Rahmanni isiniif Godhamuf).”Suuraa Nuur Aayata 56

Kanaafuu osoo sirritti hin hubanne of sobuu hin qabnu!

Rabbi warra ajaja isaatiifi ajaja ergamaa isaa hunda dalagee; Rahmata arkatee; jannata seenu Nuhaagodhu!

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button