header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Rabbiin sadarkaa gabroottan isaa akka armaan gadiitti ibsa


ثُمَّ أَوْرَثْنَا الْكِتَابَ الَّذِينَ اصْطَفَيْنَا مِنْ عِبَادِنَا ۖ فَمِنْهُمْ ظَالِمٌ لِّنَفْسِهِ وَمِنْهُم مُّقْتَصِدٌ وَمِنْهُمْ سَابِقٌ بِالْخَيْرَاتِ بِإِذْنِ اللَّهِ ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَضْلُ الْكَبِيرُ (32)
“Eegasii gabroottan keenna keessaa kanneen filanne kitaabicha (qur’aana) dhaalchifnee jirra. Isaan keessaa nama lubbuu ofii miidhutu jira; isaan keessaa nama karaa jiddu galeessaa hordofutu jira; isaan keessaa hayyama Rabbiitiin nama hojiiwwan gaggaarii irratti dursutu jira. Suni (kitaaba dhaaluun) isumatu tola guddaadha.” Suuratu Faaxir:32

Ulamaa’iin aayata kana yemmuu hiikan:
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) gabroottan isaa keessaa gabroota filaachun kitaaba (Qur’aana kana) dhaalchise. Gabroonni inni filate kunniin Ummata yookaan hordoftoota Nabi Muhammadi ((SAW)). Ummanni kuni bakka saditti qoodamu. Isaanis:
1)Zaalimu li nafsihii-(lubbuu ofii kan miidhu)- kufrii fi shirkii gaditti hojii badaa hojjachuun lubbuu ofii kan miidhudha.
(2). Muqtasid (karaa jiddu-galeessa kan hordofu)- wanta isarratti dirqama ta’e kan hojjatu fi wanta irraa dhoowwame (haarama) kan dhiisudha.
3) Saabiqun bil-kheyraat (nama hojiwwan gaggaarii irratti dursu)- kuni hojii dirqama ta’e ni hojjata, hojii irraa dhoowwamee fi jibbamaa ni dhiisa. Garuu hojiwwan gaggaarii dabalataa ni hojjata. Hojii gaggaarii hojjachuu irratti dursa argama, namoota biroo caala. Garuu kana hunda kan hojjatu hayyama Rabbitiin. Kanaafu, hojii gaarii ofiitiin of jajuu hin qabu.
Namni tokko sadarkaa tokkorraa gara sadarkaa itti aanutti bahuu danda’a. Lubbuu ofii kan miidhu irraa gara jiddu-galeessaatti. Jiddu-galeessa irraa gara dursaatti bahuu danda’u. Kuni hundi obsaa fi carraaqqi yeroo dheeraa barbaachisa. Kanaafu, jiddu-galeessa yookaan dursitoota irraa ta’uuf haa carraaqnu.

sammubani.com irraa fudhatamee kan fooyya’e

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button