header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Baiji

Baij (Ba’ij) uumama bishaan keessa jiraatu yoo tahu, sanyiilee qurxummii gurguddaa keessaa isa tokko. Baijiin maqoolee birootis hedduu qaba. Yangtze Dolphin, White fin, white flag maqoota biroo uumamni kun ittiin beekkamuudha. Yeroo ammaa kanatti lakkoofsi uumama kanaa akkaan xiqqaadha. Lakkoofsi uumama kanaa kan amma jiru 10 hin caalu. Uumama maqaa heddu qabu; garuu kan lakkoofsi isaa xiqqaati. Uumamni kun Warra Addunyaa tanarraa baduuf haala hamaa irra ga’an, critically endangered jedhamnii galmeeffaman keessaa isa tokko. Baijin uumamaalee River Dolphin jedhaman jahan keessaa isa tokko.

Baijiin uumama akkaan guddaati. Gogaan isaa kan gubbaan jiru daalacha gara cuquliisaa dabu yoo ta’u, inni garaa jalaan argamu ammoo adiidha. Irga isaa gubbaa fi jalaanillee ilkaan qaba. Ilkaan akkaan qaraa fi jabaa ta’an 36 qaba. Ilkaan isaa kana nyaata bullessuuf osoo hin taane, qurxummiilee gara gaaraa ittiin qabatuudhaaf fayyadama. Sanyiiwwan doolfiin hedduun garaacha kutaa lamatti qoodamu kan qaban yoo ta’u, garaachi baiji ammoo kutaa sadihitti qoodama. Qoffeen uumama kanaa qal’aa fi dheeraadha. Koolli isaa kan fin jedhamu, kan geengotti dhihaatu bishaan keessa haala gaariin akka daaku isa gargaara. Uumamni kun feet 8.5 (meetra 2.59) kan dheeratu yoo ta’u haga pawundii 360 ykn (163 kg) ulfaata. Bifti uumama kanaa bishaan keessatti akka dhokatu isa gargaara. Dabalataan uumama saffisa guddaa qabuudha. Baijin sa’aa takka keessatti maayila 37 ykn (59.5 KM) daakuu danda’a.

Baijin Chaayinaa keessatti laga Yangtze jedhamu keessatti argama. Maqaa Yangtze Dolphin jedhus kanumarraa argate. Uumamni kun Sanyiiwwan Dolphin bishaan qulqulluu ykn freshwater keessa jiraatan keessaa isa tokko. Kiyyoo warra qurxummii adamsuun qabamaa du’aa kan jiru Baijin, ammaan tana warra baduuf dhihaate keessatti galmaayeera. Chaayinaan yeroo ammaa kana uumama kanaaf eegumsa jabaa godhuudhaaf seera baasteerti. Baijin diina tokko qofa qaba. Sunis ilma namaati. Ilmi namaa foon uumama kanaatitti hin hajamu. Haa ta’u malee karaa garagaraatiin uumama kana dararee miidhuurratti argama. Inni duraa ilmi namaa uumama kana tasa qurxummii biraa kiyyeessuudhaaf jecha kiyyoon qabee ajjeesaara. kan lammataa ammoo faalamni bishaanii qurxummiin kun akka dhabamu godhaa jira. Balfi Pilaastikiiwwan garagaraa bishaan keessatti gatamu wantoota uumama kana ajjeesaa jiran keessaa isa tokko. Gama biraatiin hanqina roobaatirraa kan ka’e Baijin bishaan qulqulluu ykn freshwater dhabuun dhabamaa jira.

Baijin uumama guddaas ta’u qurxummiilee xixiqqoo adamsuudhaan soorata. Uumamni kun bishaan gubbatti olbahuunii fi bishaan jalas lixee lafatti gad dhihaatee qurxummiiwwan gosa gara garaa adamsa. Carp, Yellow Catfish fi Copperfish qurxummiilee Baijin adamsaman keessaa isaan muraasa. Ba’ijin ilkaan qaraa hedduu qabaatus waan argate hin alanshu. Qurxummii ilkaanumaan qabee guutuu isaa liqimsa.

Xiqqeenna lakkoofsa isaaniirraa ka’uudhaan waa’ee uumama kanaa irratti qorannoon gad fageenyaan godhame hin jiru. Uumama kana argatuun akkaan rakkisaa waan ta’eef wanti hedduun waa’ee uumama kanaa ifatti hin beekkamu. Fakkeenyaaf akkaataa wal hormaata Baiji ilaalchisee odeeyfannoon quubsaan hin jiru. Sanyiiwwan isatti dhihaataniin wal bira qabamee rimayni Baiji ji’a 6 haga waggaa turuu akka danda’u tilmaamama. Yeroo tokkoonis ilmoo takka qofatu dhalata.

Haati ilmoo isiitii kunuunsa olaanaa godhuun guddisti. Jalqaba akkaataa daakkii barsiisti. Itti aansuun akkamitti bishaan keessaa utaalee bahee qilleensa fudhatuu akka danda’u tolchitee ilmoo ofii leenjisti. ilmoon Baiji aanan haadhaa arraabaa haga ji’a kudha saddeetii ykn waggaa tokkoofi cinaa turti. Sana booda ammoo akkaataa soorata itti adamsitu baratti. Ilmoon Baiji tokko osoo haadharraa addaan hin bahin waggaa 3 haga waggaa 6 jiraatti. Waggaa jaha booda haadharraa fagaatuudhaan ilmoon jireenya ofii jalqabdi. Dhaltuun baiji gaafa waggaa 4 guuttu hormaataaf qophii taati. Kormaan ammoo haga waggaa jahaa tura. Hayyama Rabbiitiin Baijiin haga waggaa 24 jiraatuu danda’a.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button