Hadiid- Iron- Sibiila
Namni qalbii qabuu fi namni qur’aana kana xiinxallee ilaale dhuguma amantii akkamii Rabbiin nuuf filate jedhee of gaafatuun isaa hin hafu. Nuti qur’aana qabannee, qaraanee, haffaznee jirra. Garuu faayidaan nuti iraa argataa jirru muraasa jechuu dandeenna. Warri Musliima hin ta’in garuu qur’aanuma keenyaan qaroomanii bakka guddaa gahanii jiran.
Musliimonni dur sadarkaa guddaa irra turan. Sababni isaatis qur’aana kana waan seeraan itti fayyadamaniif. Nuti garuu harraan tana qur’aana qabannee itti fayyadamuu irra ittiin wal qoqqoduudhaaf gargaaramutti jirra.
Nuti aayatoota qur’aanaa lafzima isii qofa qaraanee bira dabarra. Kan ittiin beekamuu fi ittiin fayyadamu garuu kan biraati. Hundaafuu aayaa Qur’aanaa mu’ijizaalee jajjabaa of keessaa qabdu takka haa ilaalluu. Aayaan qur’aanaa tun Suuratul Hadiid aayaa 25 irratti argamti.
“Dhugumatti ergamtoota keenya ragaawwan ifa tahaniin ergine. Akka namoonni ittiin qajeelan, kitaabotaa fii madaalas isaan irratti buusne, sibiila humna jabaa qabu, kan isa keeysa Ilma namaatiif faaydaan guddaan jiru goonee buufnee jirra.”
Rabbiin keenna, aayaata tana keessatti Sibiilli faayidaalee heddu akka nuuf qabu nutti himaa jira. Akkasumas numaaf jecha gad buusuu isaatis nuu himee jira. Kana jechuun Hadiidni faayidaa ilma namaatiif jecha hawaa kanarraa gad buufame jechuudha. Akkuma Roobaa fi wantoota biroos faayidaa keennaaf gad nuuf buuse, Hadiidnis numa haa fayyaduuf jecha Rabbii keenna biraa nuuf kenname. Nama qalbii qabuuf aayaan tun dubbii ajaa’ibaati. Namni bara qur’aanni buufame san waa’ee Sibiilaas ta’e waa’ee elementootaa heddu beeku hin jiru. Tarii namni sibiila argee jira ta’a. Faayidaalee garagaraatiif itti fayyadamus danda’a. Garuu eessaa akka dhufe abadan namni tokkollee beekuu hin danda’u. Rabbii keenna waa hunda uumetu Hadiida gad isiniif buufne jedhee eessaa akka dhufe nutti hime. Nabi Muhaammadis (SAW) ergamaa Rabbii waan ta’an qofaaf dubbii tana dhagahan malee, isaanillee ijaan ilaalanii Sibiilli samii irraa gad buufame jedhanii murteessuu hin danda’an. Kuni immoo Amantiin teenya ta dhugaa ta’uu, Nabiin Keenyas ergamaa Rabbii ta’uu isaanii shakkii takkaan malee akka dubbannu nu godha.
Saayinsiin dhiheenya kana eddoo Sibiilli irraa dhufe nuuf himuu jalqabe. Ironii lafarra jiru qofa osoo hin taane, ironiin hawaa keessa jiru cufti isaatuu addunyaa biraa irraa dhufe jedhanii amananii jiran. Maaliif seetan? Aduun teenya tun hoo’i isiin kan gubbaadhaa digrii seelishiyas 6000 ta’a. Hoo’i wiirtuu isii ammoo tilmaamaan digrii seelishiyas miiliyoon 20 ta’a. ironii oomishuudhaaf ammoo dirqamatti hoo’a digrii seelishiyas miiliyoona 100tu barbaachisa. Kanaafuu haala kamiinuu ironiin kun dachii tanaa mitii hawaa kana keessattuu hin uumamne jedhanii goolaban. Kanaafuu ironiin kun eddo biraatii dhufuu qaba. Eddo inni irraa dhufe ammoo beekuu hin dandeenye. Dimshaashumatti wanti isaan jedhan ironiin yunivarsii kanaan alaa dhufe jedhan. Yunivarsii (hawaa) isaan hin beekne irraa dhufe jechuu dha. Rabbiin keenya waa hunda beeku ammoo nutu gad isinii buuse jedhee nutti hime. Kana caala Rabbummaa isaa beekuudhaaf maal eegnaree?
Astroonoomaroonni Iron qofa osoo hin taane elementoonni birootis dachii tanaan ala uumamanii gara dachii dhufan jedhanii murteessanii jiran. Rabbillee qur’aana keessatti yoo dubbatu, akkasumas hadiida isiniif buufne jedhee wanti birootis duraan jiraachuu isaa nu agarsiise.
Microbiologistiin beekkaman Michael Denton jedhamu kitaaba isaa Nature’s Destiny jedhu keessatti waa’ee Iron yoo dubbatu akkana jedhe:
“Sibiilota jiran hunda keessaa wanti haga Iron jireenya ilma namaatiif faayidaa kennu hin jiru”¦..osoo Ironiin jiraachuu baatee hawaa kana keessa wantoonni Kaarbaniin wal qabatan jiraachuu hin danda’an. Yoo kaarbaniin hin jirree; supparnoovaan, hoo’i, atmoosfeeriin, haydroosfeeriin, maagneetik fiildiin, baqqaanni oozoonii, sibiilli heemoogloobiniin irraa hojjatamu, oksijiin, oxidative metabolismiin jiraachuu hin danda’an”¦..”
Dubbii namicha kanarraa kaanee Ironiin faayidaa hagam akka ilma namaatiif kennu beekuu ni dandeenya. Aayaa qur’aanaa dubbanne sanitti ammoo deebinee haa xiinxallinu, “”¦isa keessa humna jabaa fi faayidaalee heddutu ilma namaatiif jira”¦”
Rabbii keenya waan kana hunda nuuf godheef ALHAMDULILLAAH jechuu malee waan biraa jechuu hin dandeenyu. Xumura irratti mu’ijizaa lakkoofsaan wal qabate takka isinitti haa himnuu. Jechi arabiffaa al-hadiid jedhu numerological valuen isaa 57. Qur’aana keessattis suuraa 57 dha. Jechi arabiifaa kan hadiid jedhu value’n isaa 26. Lakkoofsi atamii ironii ammoo 26. As biratti waa’ee Numerological value waan takka isinitti haa himnuu. Qubeen ykn ammoo harfiin afaan arabiffaa hundi isaaniituu lakkoofsa mataa isaanii qaban. Harfiin aliif irraa kaasee hanga yaa jiran hundi isaaniituu lakkoofsaan bakka buufaman. Haalli kun afaan arabiffaa keessatti ABJAD jedhama. Haala kanaan Al Hadiid fi Hadiid akkam akka ta’an isinitti himna.
Aliif=1
Laam= 30
Haa= 8
Daal= 4
Yaa=10
Daal= 4
Haala kanaan Al-Hadiid 1+30+8+4+10+4= 57
Hadiid ammoo 8+4+10+4=26
“NAMA WAA XIINXALLEE LAALEEF QUR’AANA KANA KEESSAA MALLATTOOLEE HEDDUTU JIRA.”
1234
0912912414
As wr wb mashaa Allah beekkumsa heddu isiinirra argataa jirraa jabadha.
Hayye
24051091
maashallaa akkasittin nu hubachiisu keessaniif guddaa galatoomaa jzk
As wr wb bb gaariidha jabaadhaa dhaloota qaruuf isinirraa jijjiirama Guddaa argadhe