header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Wal bira dhaabbachuu

Jaarraa 14 dura yeroo Ergamaan Rahmataa (SAW)  ergaman, Mushrikoonni Makkaa Ergamaa Rabbii (SAW) fi sahaabota dararaa turan. Inumaahuu Rasuulli (SAW) da’waa isaanii akka dhaabaniif jecha qoqqobbiin gosa banii haashim guutuu irra kaayamee ture. Sababaa qoqqobbii kanaa Warri Bani Haashim magaalaa Makkaa keessaa bahee gaara tokko irra qubate.

Akka qoqqobbii warra Mushrikaatti, Warra Banii Haashim waa irraa bituunis ta’e itti gurguruun dhoorkaadha. Haala kana keessatti gosti Rasuulaa (SAW) guutuun soorata dhabdee rakkatuu jalqabde. Wayta rakkoon akkanatti hammaattetti, namoonni akka Abubakr fi Umar (RA) ummata beelawee gaara keessatti rakkataa tureef soorata kennuudhaan bira dhabbatan. Muslimoota qofa osoo hin taane, jiraattonni Makkaa kan Muslima hin tahinis, Muslimoota cinaa dhaabbataa turan. Hanga gaafa Rabbiin baldhotti isaan baaseetti, namni wal bira dhaabbachuu hin dhiisne. Yeroo Rakkootti wal bira dhaabbachuun aadaa uumamaati. Uumamni hundi bakka walitti haajamutti wal bira dhaabbata. Kun aadaa uumamaati.

Namni gargaarsaan nama bira dhaabbate, guyyaa gargaarsi akkaan isa barbaachisutti gargaarama. Fakkeenyaaf gaafa Ergamaan Rabbii (SAW) wahyiin yeroo jalqaba itti buufamu san, akkaan sodaatanii turan. Sodaa irraa kan ka’e gara manaa galanii haadha warraa isaanii, Haadha Mu’mintootaa Khadiijaa (Rabbiin isii irraa haa jaalatuu) uffata natti haguugi jedhaniin. Yeroo kanatti Khadiijaan (Rabbiin isiirraa haa jaalatuu) sodaa isaanii waan beekteef, ‘Ati nama rahiimummaa sufaa ture, nama rakkataa gargaaraa ture, nama keessummaa isaa haala gaariin keessummeessaa ture, akkasumas nama nama rakkoon itti hammaatte cinaa dhaabbataa ture. Kanaafuu Abadan Rabbi si hin gatu.’ jetteen. Namni nama gargaare ofuma gargaarutti jira. Gaafa rakkate gargaarsa akkaan isa barbaachisu san Rabbi bira akka argatu isa godha. Kanaafuu nutis haga humna teenyaatiin nama rakkate cinaa dhaabbachuun barbaachisaadha.

Muslimoonni yeroo magaalaa Makkaa keessatti rakkoon hammaatte san, gara Madiinaa baqachuun dirqama itti ta’e. Muslimoonni Makkaa qabeenya isaanii hunda dhiisanii lubbuu ofii qofa qabatanii bahan. Yeroo Madiinaa gahan ammoo waan takkallee of harkaa hin qaban. Achitti Ergamaan Rabbii (SAW) warra baqatee Makkaa irraa dhufee fi Warra Madiinaa obboleewwan walii godhan. Kana booda muslimoonni hundi wal bira dhaabbachuu jalqaban. Warri Madiinaa qabeenya isaanii walakkaa qoodanii Muhaajirootaaf kennuuf yaadanii turan. Warra Muhaajiraattu fudhatuu dide malee. Kanas ta’u, warri Ansaaraa waan takkallee osoo hin qusatin warra Makkaa cinaa dhaabbachuun, Magaalaa Madiinaa keessa rakkoo takkaan maletti akka jiraatan  godhan. Nutis seenaa akkanaa kana irraa barachuudhaan Muslima rakkate hunda bira dhaabbachuudhaaf of qopheessuu qabna. Keessattuu muslima rakkatee biyyaa bahe bira dhaabbachuudhaan, akka rakkoon takkallee isa hin mudanne gargaaruun barbaachisaadha.

Kan dhukkubsate waldhaanchisuun, kan idaan irra jiru idaa irraa kafaluufi waan humni keenya dhaqqabdu hundaan wal bira dhaabbachuu qabna. Dabalataan, Dubartoota Abbaan warraa bira hin jirre akkasumas ijoollee abbaan isaanii bira hin jirre bira dhaabbachuunis haalaa amala Muslimaati. Namni ammaan tana sababa garagaraatiif manaa bahee fagaachuu dandaha. Ergamaan Rabbii (SAW) “Namni dubartii Abbaan warraa irraa du’ee fi namoota gargaarsa barbaadan cinaa dhaabbate, akka nama karaa Rabbii irratti jihaada godhetti isaaf laakkawama, yookaan ammoo akka nama halkan guutuu dhaabbataa, guyyaa soomanaan dabarsetti isaaf laakkawama”jedhan. Kanaafuu namoota rakkoo akkanaa qaban bira dhaabbachuun akkaan  barbaachisaadha.

Ilma namaa gargaarsa mallaqaa fi humnaa qofa osoo hin taane, gargaarsa hamilee fi gorsaatiinis bira dhaabbachuu qabna. Qalbiin ilma namaa tun sababa gargaraatiin miidhamuu dandeessi. Yeroo kana nama san gorsanii hamilee isaa jajjabeessuunis barbaachisaadha.

Sahaabonni qur’aanaaf bakka guddaa kennan. Dalgaa dalagan hunda qur’aanaan madaalanii of laalan. Gaafa tokko Aayaan qur’aanaa takka buunaan, sahaabtichi tokko akka malee rifate. Aayaan tun suuratul  Hujuraat keessatti argamti.  “Yaa warra amantan! Sagalee keessan sagalee Nabiyyichaa caalchistanii ol hin kaasinaa. Akka dalagaan keessan osoo isin hin beekne isin jalaa hin banneef jecha, akka yeroo waliin haasoftan walitti lallabdanitti, isa biratti sagalee keessan  ol hin fuudhinaa” jetti aayaan tun.  Sahaabaan Saabit ibn Qays jedhamu aayaa tana dhageenyaan  ‘Namni Sagale isaa yeroo hunda ol kaasu ana, dalagaan tiyya faaydaa dhabdee jirti. An warra ibiddaa ta’uu kiyya ‘ jedhe. Kana booda Rasuula (SAW)  biraa of fageessee kophaa isaa mana keessa taa’uu jalqabe. Yeroo kana Nabiin (SAW) sahaabota gaafachuu eegalan. Sahaabonnis barbaadanii mana isaa keessatti argan. Maaliif badde jedhanii wayta gaafatan. Rakkoo isa mudate itti himee, an warra azaabaati jedhaa booye. Kana booda Sahaabonni gara Ergamaa Rabbii (SAW) deebi’anii deebisaa isaa itti himnaan, ‘Lakki wanti inni yaadaa jiru sirrii miti. Inni warra jannataa keessaa isaa tokko’ jedhanii deebisan.

Kanaafuu nutis namoota sababa garagaraatiin hamileen isaanii miidhamee diin Rabbirraa fagaatan, gorsinee gara Masjiidaa deebisuu qabna. Bakkuma jirrutti wal toohachuun barbaachisaadha. Nama nu jidduu dhabamee ture, bakka inni itti dhabame beekuu qabna. Yoo dhukkubsate waan dandeenyuun bira dhaabbanna.Nama badii heddu dalagee hamileen isaa cabes yoo argine, itti dhihaannee gorsuudhaan hamilee isaa haa utubnuu. Nama karaa irraa maqee badii keessa seenellee yoo argine maaltu na dhibeen bira darbuu hin qabnu. Namni sun karaa qajeelatti deebi’uudhaaf gargaarsa keenyatti haajamuu mala. Kanaafuu haga danda’ameen itti dhihaannee rakkina isaa hubatuudhaan, yoo dandeenye furmaata isaaf haa kenninu. Yoo dadhabne gara furmaata itti argachuu danda’u haa geessinu. Walumaa galatti ummata Muslimaa waan hundaan bira dhaabbachuu qabna. Nama gargaarsa humnaa barbaadu humnaan, kan maallaqa barbaadu maallaqaan, yoo hundaa dadhabne du’aa’iidhaan bira haa dhaabbannuu.

 Qophii Abu Ibtisam

Back to top button