header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Kaappiibaaraa (Capybara)

Uumamni Kaappiibaaraa jedhamu kun sanyiiwwan hantuutaa keessatti kan ramadamu yoo tahu, sanyiiwwan kana keessaallee isa guddaa dha. Ulfaatinni isaa kiloograama 75 yoo ta’u, dheerinni qoffee isaa irraa haga eegee isaa jiru ammoo meetira 1.4 ta’a. Bineensi kun Lafarraafi bishaan keessallee jiraachuu ni dandaha. Kaappiibaaraan qaamaan guddaa ta’us, jireenya bishaan keessaa fi lafa irraatiif qaama mijaawu badhaafamee jira. Boca qaama isaa  barmeela fakkaata. Miilli isaa gabaabaa fi jabaadha. Qubbeen isaa kan harkaafi Miilaa irraa gogaa haphii qaba. Yeroo qubbeen isaa kanniin adda banu, gogaan kunis qubuma wajjiin diriira. Kunis bishaan keessatti haala salphaan akka daakuu danda’u; Wayta dachii irra deemu ammoo akka miilli isaa dhoqqeefi cirracha keessa gad hin lindhe isa gargaara. Walumaa galatti Rabbiin keenya uumama kanaaf qaama isaan malu isa badhaasee jira.

Bineensi kun rifeensa gabaabaa fi qiciiccaa qaba. Halluun isaatis daalacha, adii, magaalaa fi gurraacha. Rifeensi isaa kun yeroo bishaan keessaa bahe saffisaan goggoga. Ijji, gurraa fi funyaan Kaappiibaaraa gara mataa gubbaatti argama. Sababaa kanaaf yeroo bishaan daaku wantoota bishaaniin ol jiran akka salphatti arguu, dhagahuufi fuunfachuu dandaha.  

Kaappiibaaraan bishaan irraa fagaatee jiraachuu hin danda’u. Yeroo hunda bakka jiidhaa fi bishaan jiru filata. Qubsumni Kaappiibaaraa Ameerikaa jiddu galeessaa fi Kibbaatti. Hedduminaanis biyyoota akka Paanamaa, Kolombiyaa, Venezweelaa, Peeruu, Braziil fi Paaraguwaay akkasumas Kaaba Arjantiinaa fi Yuragaay keessatti argama. Uumamni kun Abadan bakka bishaanii fi Marga hin qabne irra jiraatuu hin danda’u. Kanaaf biyyoota haalli qilleensa isaanii waggaa guutuu hin jijjiiramne kanniin keessa jiraata. Ammaan tana addunyaa kanarraa bakki akkan jiidhaa fi marga heddu qabu, Ardii Ameerikaa Kibbaati. Bosona sulula Laga Amaazoon dabalatee naannoon kun waggaa guutuu magariisa. Kanaaf Kaappiibaaraan eddo akkanaatti argamuu danda’e.

Kaappibaaraan gamtaan garee uumee jiraata. Miseensi garee tokkoo hanga 20 ta’uu danda’a. Gareen kunis dhiira tokko, dhalatuuwwanii fi ilmoolee of keessaa qaba. Gareen tokko qubsuma mataa isaa tolfatee kan jiraatu yoo ta’u, bineensa biraa qofa osoo hin taane, Kaappiibaaraan biraatis akka gara qubsuma isaa seenu hin eeyyamu. Qubsumni Kaappiibaaraa garaagarummaa qabaatuu danda’a. Gareen miseensa heddu qabu qubsuma heddu qabaata. Gareen irra xiqqaatis lakkofsuma miseensota isaa irratti hundaa’ee qubata. Kanaan ala daangaa walii dabarraan, wal ari’uu fi waraana walirratti banuun waan hin oolamne. Uumamni kun yeroo heddu hin rafu. Naannoo gara ganamaatti yeroo gabaabaaf ni muga. Aduun hoo’uu jalqabnaan ammoo qabbaneeffachuuf jecha, dhoqqee keessa gangalata. Kana booda eega qaama isaa qulqulleeffateen booda lafti dhihuutti dhihaannaan, marga dheeduu jalqaba. Halkan guutuu boqonnaa xiqqoo fudhatee dheedaa bula.

Kaappiibaaraan garee uumee qubsuma tokko keessa waan jiraatuuf yeroo wal hormaataa fagaatee deemuun irraa hin eeggamu. Gareen san keessatti wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuu kan danda’u hoogganaa garee qofa. Rimayni Kaappibaaraa ji’a shaniif kan turu yoo ta’u, haadhoon takka hanga ilmoolee saddeetii dhaluu dandeetti. Ilmoon Kaappibaaraa dhalatee sa’aa takkaa fi lama keessatti waan warroonni gurguddaan dalagan dalaguu danda’a. oliigad fiiguu, fi bishaan daakuus yeroma san jalqaba. Marga dheeduudhaaf garuu torbaan tokko eeguun dirqama. Hagasiif muchuma haadhaa  hodha. Ilmoon Kaappiibaaraa mucha haadha isaa ji’a tokko qofaaf hodha. San booda gu’ee marga dheeduu jalqaba. Uumamni kun Herbivorous ykn warra baala sooratan keessatti ramadama. Sooratni isaa hedduminaan margaa fi biqiltoota bishaan keessaati. Darbee darbee firii fi baala mukaa sooratus, sooratni isaa dhibbeentaan 75 marguma. Akkuma sanyii hantuutaa ilkaan isaa kan fuulduraa guddina hin dhaabu. Yeroo hunda adaduma doomuun qaramaa deema. Bineensi kun, Akkuma beeyladootaa eega dheedee liqimsee booda, wayta ciisee boqonnaa fudhatu deebisee alala dhaha.

Kaappiibaaraan diina heddu qaba. Qaamni isaa guddaa waan ta’eef, bineensi quufee nyaachuu barbaadu kaappiibaaraa filata. Sanyiiwwan qeerransaa kan akka Jaguarii fi Pumaa diina jalqabaati. Itti aansuun culullee fi Shimbirroonni gurguddoonis uumama kana adamsanii sooratu. Bofa guddaa Anaakondaa jedhamuufis sooratni filatamaan Kaappiibaaraadha. Ilmi namaa bosona sulula laga Amaazon keessa galus uumama kana adamsee soorata. Walumaa galatti Kaappiibaaraan diina heddu dachii irraa qaba. Kanaaf yeroo hedduu rakkoo isa mudatuu danda’u jalaa dheessuuf bishaanitti dhihaatee jiraata. Yoo diina itti dhufaa jiru fageenya irraa arge, saffisaan  bishaan keessa seenee dhokata. Haga diinni sun deemutti bishaanuma keessa tura. Bishaan jala lixee daqiiqaa shaniif turuu danda’a. San booda garuu hafuura fudhatuudhaaf ol bahuun dirqama.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button