header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

274: Ijoollummaa kiyyatti soomana guutuu soomanaa hin turre. Wanti kun akkam?

  • Home
  • Soomana
  • 274: Ijoollummaa kiyyatti soomana guutuu soomanaa hin turre. Wanti kun akkam?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Ani gaafa umrii tiyya amata kudha sadii ni sooma ture. sooma san guutee hin soomuu garitu narraa dabree.

 

 

Deebisaa: Yoo gaaf san ka ballagde taate soomanni sun sirratti dirqama. Yoo ka hin ballagin taate soomanni soomtu sun duraanuu sunnaadhaa rakkoo hin qabu. Umrii kudha sadiinillee dubartiin ballaguu ni dandeetti. Dura namni ka ballage jedhamu waa sadi keessaa tokko argamu. Dubartii yoo taate dhiigni aadaadhaa argamuudha. Yoo Dhiigni heeydii sun itti dhufe ballagdee jirtii waajibaata shariyaa cufa irraa fedhan jechu. Dhiira yoo ta’ellee sanuma laalchisee bishaan dhiiraa irraa dhufuudha. Lammaffaa umri kudhanii shan gahuudha, sadaffaa ka namni ballaguu danda’uun yookaa ballaguun isaa beekkamuun dhiiraaf dubartii kama fedhee haa ta’uu qaama saalaa biratti rifeensi bahuudha. Nama san irraa sadeen sun yoo irraa argame ballagee jiraa jechu. Kanaafuu obboleettiin teenya gaaf san yoo isiin ballagdee jiraatte soomni sun irra jiraa akkanumaan tilmaamtee hagni narra jiru sun hagana ta’uu hin oolu jettee soomuun isii irratti dirqama. Kaan akka Rabbiin irra isiif darbu haa gaafattu. Yoo isiin gaaf san ka hin ballagin taate dhiiga aadaallee ka hin argin taate rifeensi qaama saalaa irrattillee yoo ka hin biqilin taate soomni sun sunnaadhaa isii irra hin jiru.

 

Sheikh Abdurahman Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 236

Kanas dubbisi!

285: Dhiira ajnabiif nyaata dhiheessuun danda’amaa?
270: Bishaaniin qaama qabbaneefachuun Sooma diigaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button