header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

279: Dhiirri Masjiida dhiisee, salaata manatti salaatuu danda’aa?

  • Home
  • Ibaadaa
  • 279: Dhiirri Masjiida dhiisee, salaata manatti salaatuu danda’aa?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Saahiba qabaa saahibni kiyya sun manatti salaataa salaata jama’aa hin dhaquu sababaan inni hin dhaqneefillee ani musaafiraa yaada jedhu natti fakkaatee

 

 

 

Deebisaa: Salaata masjiidatti salaatuun ummata islaamaa irratti waajiba keessaahuu dhiira irratti. Kanaafuu yoo inni uzrii wayii hin qabne, salaata manatti salaatuun diliidha. Yoo fakkeenyaaf inni ka waraqaa eenyummaa fa’a hin qabne taate, saniif jecha poolisa sodaachuu fa’aaf jecha ka manatti salaatu taate ni danda’ama. Yoo ka musaafira jedhu taatee namni tokko eega zamana hedduu bakka san qubatee, eega ka taa’u taate, hukmii nama iqaamaa nama biyya san qubatee fudhata. Kanaafuu salaata jama’aatiif salaata jum’aa salaatuun irratti dirqama. Hattaa namni musaafiraa, dhaqee masjidatti salaatutu isaaf wayya.  Isarratti dirqamaa miti. Daliillillee guyyaa tokko Rasuulli ? nama masjiidarraa hafe, nama tokko imaama godhee, deemee qoraan cabsee mana isaanii isaanitti gubuu jaaladhee jedhan. Namticha ija hin qabne kaanillee ergamaa Rabbiitti ? dhufee Yaa Rasuula Rabbii nama naan deemu hin qabuu nama masjiida na geessu hin qabuu akkam ta’aa jedhee gaafatee jennaaniin Rasuulli Rabbi ? siif hayyamee deemii salaati jedheen. Namtichi biraa deebi’ee jennaan Azaana ni dhageettaahii jedheen ee jennaaniin masjiidatti salaati jedheen. Eeguma nama ija hin qabneef uzrii dhaban namni fayyaa qabu san daranii.

 

 

Sheikh Abdurahman Shariif

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 210

Kanas dubbisi!

280: Salaata Fajrii booda sunnaan jiraa?
275: Sujuudussahwii booda tashahhudni jiraa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button