header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

282: Dhalaa kaafiraa fuudhuun ni danda’amaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Dhalaa kafiraa fuudhuun ni danda’aamaahii?

 

 

Ahlal kitaab yoo isiin taate fuudhuun ni danda’ama. Ahlal kitaab jechuun kiristoofii yahuudaadha. Yoo isiin ahlal kitaab taate sharxii wajjiin fuudhuun ni danda’ama. Sharxii kaayantu jiraa sharxii san eeganii fuudhuun ni danda’ama. Yoo isiin ammoo waaqeffataa  yookaan mushrika taate warra mukaaf, dhagaafii, kanniin gabbaru taate waaqeffataa warra jedhan ka diinaa tokkottillee warra hin amanne warra sanii fi fakkaataa sanii kana yoo taate fuudhuun hin danda’amu, haraama. Ta ahlal kitaabaa, ta kiristoofii yahuudatti amante yoo taate fuudhuun ni danda’ama sharxii wajjin. Sharxiin isii, intalti sun eeggamtuu ta’uudha. Zinaaf waan adda addaa irraa intala tikfamtuu ta’uu qabdi. Mahrii isiidhaaf kennu. Ilmoo isiin dhaltu san mana bataskaanaa akka hin geessine gochuudha. Akka isiin warra ajnabii, warra qeesootaafi fakkaataa isaa akka isiin mana hin fidne. Yoo isiin adabaa shari’aa islaamaa eegdee dhiirsaaf kennite fuudhuun ni danda’ama.

 

 

Sheikh Abdurahman Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 388

Kanas dubbisi!

285: Dhiira ajnabiif nyaata dhiheessuun danda’amaa?
281: Qabeenyi haadha warraa waliin argatan, yoo wal hiikan akkam godhama?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button