header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

288: Nama baadiyaa keessa jiraatuu fi poolisii sodaaturra salaatni jama’aa waajibaa?

  • Home
  • Hawaasummaa
  • 288: Nama baadiyaa keessa jiraatuu fi poolisii sodaaturra salaatni jama’aa waajibaa?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Nama biyya saudii keessatti baadiyaa jiraatu tokko lafa baadiyaa jiraataa bakka inni jiru san masjiidni salaata jama’aa hin qabuu warri isa wajjiin dalagan waraqaa biyyaa waan qabaniif jecha deemanii magaalatti salaatanii deebi’anii; inni waraqaa hin qabuu poolisa sodaataa salaata jum’aa hin dhaquu salaata juma’aa dhaquunillee dirqama jechuu dhagayee maaltu malaa?

 

 

 

 

Deebisaa: Nama baadiyaa jiraatu, nama safaraa, ijoollee xixiqqashoo, gabrootaafii dubartii jum’aan itti hin wajjabuuyyu. Shuruuxa jum’aan waajiba namatti ta’uun irraa; namni tokko magaalaa keessa jiraatu. Inumaa ulamaan durii magaalaan sun ka gidaarri marsuun yookaa ijaarsi (dallayni) marsuun ta’uu qabdi jedhan. Amma magaalaan akkasii hin jirtu. Osoo biyya ambaallee jiraatee, magaala guddoo ka salaata jum’aaf salaata jama’aa keessaa yoo jiraate isarratti dirqama. Garuu yoo inni lafa baadiyaa jiraate salaatni jum’aa isarratti dirqamaa miti. Dhaquudhaaf yoo ka poolisa sodaatu taate, sunillee baaba daruuraa keessa seentiif. Kanaafuu obboleessa san jum’aan isarratti hin wajjabdu. Jarri kuun ammoo ka waraqaa qaban, ka masjiida dhaqanii salaatuu danda’an, jum’aan isaan irratti wajjabdii dhaqanii haa salaatanii.

 

Sheikh Abdurahman Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 93

Kanas dubbisi!

298: Qabeenyi mootummaa yoo nama harkatti bade akkami
286: Hiriyyaan wal lolee araarame haala kamiin jiraatuu qaba?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button