header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

329: Bultiin wallaalummaan karaa haraamaatiin ijaaramte akkami?

  • Home
  • Bultii
  • 329: Bultiin wallaalummaan karaa haraamaatiin ijaaramte akkami?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Karaa Rabbi hin jaalanneen mana ijaaradhe. na butaani. eegasii seera shariyaa baradheetiin ilmii argadhee ammaan tana akka godhu wallaale. Ilmoo tiyya sanillee hukmiin isaa maalii? Anilleen akkam ta’aa? Amma silaafuu namtichaan wajji gargar jirra. Anillee biyya alaa jiraa innillee biyya jiraa nikaha halaali na godhadhu jedhaani moo mee yoo naa hayyame akkam godhuu qabaa?

 

 

 

 

Deebisaa: Baharri jaahilummaa nu nyaatee, ka kaatimaa nu balleessuuf deemu kun, haa nurraa gabaabbatu. Maatiin diinii hin beeyne ilmaan isii akki godhutti jirtu, namni diinii wallaaluuf bahara dukkanaatii fi boolla ibiddaatti yaa’utti jiru. Rabbiin qofa malee namni beekaa jiru hin jiru. Kun cuftinuu guyyaa qiyaamaa sirriin cufti gadi faca’uuf jiraatti. Rabbi nu haa sattaru obboleeyyan keenya. Rakkoon intalti takka buttaadhaan taanaan, hayyamtee isiin jala deemuu taanaan, gurbaa ajnabiin wal barattee haraama dalagaa dhaqanii eegasii ka nikaya godhatan sun, seera hin jirre ta’uu haa beekan. Namni tokko yoo dogongoree karaa malee wallaalumaan karaa irraa bahee haraama dalage, toowbatee Rabbitti deebi’uun dirqama isaati. Booyee, sadaqatee, iyyee halkan dhaabbatee, guyyaa soomanee Rabbii isaa dhiifama gaafachutu isarra jira. Yoo ka gurbaa saniin waliin jiraattu taate irraa baqattee irraa adda baatee telefoona cufattee irraa qulqullooftee boossee iyyitee, garaan isii qulqullaahee Rabbii ufiitti toowbattee eegasii gurbaan manguddoo ergatee maatii isii irraa halaalaan karaa Rabbi jaalatuun waliyyii irraa nikaya godhachuun humaa hin qabuu jennee kilaafa jirtu waliin uzrii isaa lafa keennee jirra.  Garuu ganamaa galgala telefoona walitti dawwalaa walirraa fagaannaan diinii Rabbiitti taphachuudha kun. Warra toowbatee eega badiitii, eega dogongoraatii karatti deebi’ee san ka uf tolchee  Rabbii ufiitiif isaan jidduu tolfate an toowbaa isaanii ni taqabbalaa jedha Rabbi. Eegasii gurbaan sunii fi isii fi namni biraallee walqixa amma. Innillee yoo toowbatee qulqullaawee karaa Rabbiitti ka deebi’u taate jechuudha. Haala kanan walitti deebi’anii wal fuudhuun ni ta’a. Hukmiin gurbaa zinaan dhalatee; gurbaan maqaa haadhaatiin yaamamuu qabaa abbaa irraa waan qabu takkallee hin qabuu, abbaa sanillee dhaaluu hin danda’u. Kanaafuu maqaa haadhaa qofaan yaamamuu qaba. Hukmiin gurbaa yoo karaa abbaan seene kana seene taate malee dilii haadhaatii fi dilii abbaa saniif waan biraatiin wanni Rabbi biratti inni irraa gaafatamu hin jiru.

 

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 227

Kanas dubbisi!

350: Dhalaan dhiiraa wojji rizqii barbaacha biyyaa baate akkam?
292: Horii haati warraa dalagdee fiddu nyaachuun taatii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button