header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

426: Garaagarummaan shirkii fi bid’aa maali?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Shirkiif bida’an maal garaagarummaan isaa?

 

 

 

 

 

 

Deebisaa: Yoo shirkii gurguddoo taate sadarkaa nama kafarsiisee diinii irraa nama baasu qaba. Ammallee shirkii xixiqqatu jira, shirkii dhokattuu jedhamtutu jira. Ulamaan gariin lamumatti qoodanii dhiisanii; ulamaan gariin sadihiin gahan. Shirkii dhokattuu, shirkii xixiqqoo fi shirkii gurguddotu jiraa jedhan. Kanaafuu kana keessa shirkiin kun kamiin akka ta’e hubatan malee kun ka nama kafarsiisuu kun ka nama hin kafrsiisne jechuu hin dandeenyu. Akkasuma bida’anillee ka nama kafarsiisutu jira. Sadarkaa nama kafarsiisu gahu qaba. Kanaaf ulamaan bida’aa akkam jettee nama gaafatti dura. Bida’an nama kafarsiisu ka akkanaatii bida’aan nama hin kafarsiisne ka akkanaatii kanaaf sifa isaatiin muldhachuu qaba. Adda jireenyi isaa bida’aa jechuun waan diinii nabi Muhammad keessatti (?) maqaa ibaadaatiin dalagamu ka ufii diinii hin ta’in. Waan haarawa dhufe cufa ka daliilli qur’aanaaf hadiisaa itti hin ajajin maqaa ibaadaatiin diinii keessatti maxxanne ta’ee dalagamu santu bida’a jedhama. Kanaafuu kana keessaa ka sadarkaa nama kafarsiisu gahullee ni jiraa yoo akka qabrii gabbaruu fa’a taate, yoo waan adda addaa diinii Rabbii keessatti maqaa diinii islaamaatiin itti gaaddiseeffatanii yoo ka waa godhan taate wanna san hukmiin isaa laalamee sadarkaa nama kafarsiisu gaafa gahu qabaa sadarkaa nama hin kafarsiifnellee gaafa gahu qabaa.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 622

Kanas dubbisi!

429: Wollaalummaan dhala nyaadhe dur amma akkam naaf woyya?
425: kaffaaraa ramadaanaa abbaa manaa ti moo haadha manaatu soomuuf dirqama?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button