header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

427: Nama raaga bira dhaqe Salaanni isaa akkam?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Namni tokko yoo warra waa himtu warra kitaaba banu bira dhaqee gaddii laallate salaanni isaa guyyaa afurtama hin qeebalamu jedhanii akkamii?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Sun dhugaadha hadiisuma Rasuulaattu jira. Namni nama tokko waa himtuu, kitaaba bantuu, gaddi laaltuu, ka hixaana namaa laaltu ka namni fuudhaa heeruma dhaqee itti laallatu, warra jinniin namaa himu ta’ee warra shimbirree garana barriste jedhee namaa himu ta’ee wanni akkasii sun waan fagoo jiru himuu waan ta’eef; salaanni guyyaa afurtamaa irraa hin qeebalamuun hadiisumatu jira. Kanaaf shariyaan Rabbii guddaa ganda akkasii hin dhaqinaa namni waan fagoo jiru beeku Rabbi guddaa malee hin jiruu. Namni tokko yoo waa dalaguuf ka’e yoo imala deemuuuf ta’e yoo intala fuudhuuf ta’e raka’ateeynii salaatanii du’aa’ii qara’antu jiraa salaatul istikaaraa salaatanii Rabbiin mala godhatan, eegasii warra waa beeku warra aqlii qabu sheekhotiidhaan mari’atan mala gaafatan malee namni akka falfaltutti dhaqanii waa gaafatan hin jiru jechudha sun shariyaa Rabbiitti dhoowwadha.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 514

Kanas dubbisi!

436: Gaazexaa maqaa Rabbii qabu gatuun akkami?
383: Qur’aana gubuun akkam?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button