header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

430: Intala fuudhuu barbaadu harka qabadhee hasofsiisuu ni danda’aa?

  • Home
  • Dubartii
  • 430: Intala fuudhuu barbaadu harka qabadhee hasofsiisuu ni danda’aa?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Ani fuudhaafin gara biyyaa deema ammoo dubartii harkaan qabachuun akka nama zinaa dalageeti. Kanaafuu an ammoo intala takka haasawachuuf deemaa yoon harka qabadhee salaamee hin haasofsiisinii hin taanee akkam godhaa?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Dhugaadha intala halaala siif hin taane harkaan qabachuun akka nama zinaa dalagetti hisaabamaafii jedhan. Garuu zinaa harkaaatii jedhan. Maaltu dirqama godhe harka qabatanii haasofsiisuu? Ijaan laaluun ni jiraa, haasofsiisuu shariyaan ni hayyamaa niyyaa fuudhaa yoo qabaatte laaluun siif hayyamama. Sanis bakka hulaa cufatanii waliin taa’uun hin taanetti wal fuunaa jiruu teenya akkamitti ijaarrannaa namni haasawuun dirqamaa humaa rakkoo hin qabu. Garuu mana cufatanii waliin taa’uun yookii karaa fagoo waliin deemuun haala akkanaa ka nama shakkisiisu shakkii ufitti qajeelchuun barbaachisaa miti. Namni tokko yoo intala takka harkaan qabate ta ajnabiyyaa akka nama billaan mataa isaa bashaqi godhanii dhiiga mataa keessa jigisaniitu irra gaarii jedha Rabbi biratti Azaaba isa eeggattu irra jechu. Maaltu fitnaa hagana geettuun nama gahe. Kanaafuu harkaan qabachuun hin taatu.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 426

Kanas dubbisi!

438: Dubartootaan hijaaba uffadhaa jennaaniin didanii akkam goona?
428: Yoo rifeensi namarraa bu’ee bakka hin taane seene irraa gaafatamuu?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button