header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

440: Mallaqa harkaa qabnu yeroo hundaa biyya erginaa akkamitti zakaa baafnaa?

  • Home
  • Zakaah
  • 440: Mallaqa harkaa qabnu yeroo hundaa biyya erginaa akkamitti zakaa baafnaa?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Mallaqa harkaa qabnu yeroo hundaa biyya erginaa akkamitti zakaa baafnaa?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Mallaqni biyya ergame moo si bira taa’ee,  yoo ka walitti qabamaa jiru taate zakaan irraa bahuun dirqama. Mataa dhibbaa irraa lamaaf nuusatu bahaa. Yoo birrii ta’e birrii lamaaf nuusatu irraa baha. Yoo si bira jiraateef yoo biyya jiraatellee mataa dhibbaa kamirraayyuu lamaaf nuusatu baha jechuudha. Yoo horiin sun haga zakaa irraa baasan gahee jiraate. Yoo waan ji’an argattu ka ji’a ji’aan ergitu wanni ati ergitu ka nyaatumaaf uffata bituuf waan tokko bira hin darbin yookaa mana abbaa keetii fa’a ijaarutti jirta yookaa mana ufii ijaarratutti jirtaa waan riziqii keetiitiif waan masruufa keetii ka bira hin darbine taate zakaan ati baaftuu hin jiru. Maaliif jennaan seerri zakaa baasan dura lamaan guutamuu qaba. Zakaan seera lamaaniin hin guutamin wamaa zakaa sirraa hin fedhan horii sanirraa. Seerri tokkoffaa qiimaan zakaa irraa baasan sun gahuudha jenne, lammaffaan waggaan itti naannawuudha. Kanaafuu yoo seerri isaa lamaan hin guutamin ka wamaa waan lafa jiru hin jirre taate nyaataa dhugaatitti dhumattee uffatatti dhumatte mana daldalaatii mitii mana jiruu ka keessa jiraattan taate humaa zakaa wanni sirraa fedhan hin jirtu.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 11
Views: 1088

Kanas dubbisi!

478: Horiin Zakaa namoota akkamiitiif kennamuu qaba?
325: Obboleessi waliin dalagu zakaa baasuu didee, akkam godha?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button