header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

444: Diliin kaffaaraa qabdu waan akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Maasiyaan kaffaaraa qabdu waan akkamii?

 

 

 

 

Deebisaa: Kaffaaraan qooda adda addaa qabdi. Kaffaaraan tokkoffaa ka namni waan hin godhin jedhan godhee ka kaffaaraa san baasu. Fakkeenyaaf yoo nama hajjii irra jiru ta’e mataa hin ciratin jedhan qeensa hin qoratin jedhan haga hajjii irra jirtu shittoo hin dibatin jedhan, dubartii hin fuudhin jedhan, nikaha hin godhatin jedhan, huccuu hodhaa qabu hin uffatin jedhan, bineensa hin ajjeesin jedhan waan sababaa hajjiitiif irraa dhoowwame kana yoo waan tokko godhe kaffaaraa isaa sana baasuu qaba. Kaffaaraan biro nama Ramadaana keessa waa nyaate, guyyaa ramadaana ka waa nyaate kaffaaraa baasuu qabaa. Kafaaraa xiqqaaf guddatu gargar jiraa kafaaraan heddu. Namni niitii ufiitii duydii kankee akka duyda haadha kiyyaati jedhelleen kaffaaraa baasaa dura gabrittii bilisa baasuu qaba yoo dhabe  ji’a lama soomuu qaba. Kaffaaraan biro namni Ramadaan soomuu hin dandeenye akka nama manguddoomee dadhabee nama nyaachisee kaffaaraa baasaa.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 763

Kanas dubbisi!

458: Maatii kiyya akkam godha ani amma islaama ta’ee islaamatti heerumuu fedhaa?
439: Firoota muudaaf shirkii keessa jiran akkam goona?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

2 Comments

  1. As wr wb
    Gaafin qabaa namni tokko jartti issaa garaa dubbattu itti dhiyaatee nikahan ni butti jedhan
    Nikahan suun rajattun debbitti moo?akkaa harawatti hidhattaa jzk

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button