header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

472: Namni haqa ofii irratti du’e shahiidee jedhamaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Namni tokko yoo haqa ufiitiif dachii isaatiif mirga isaatiif miidhaa ufirraa deebisuuf hoggaa du’e shahiidee jedhamaa?

 

 

 

 

 

 

Deebisaa: Gaafii ati gaafatte kana sin duras saahaaban gaafatan nabii Rabbii. Namni tokko yoo dirree lolaa dhaqan gadoo abbootii isaani godhan baafachuuf diinummaa uf garsiisuuf waan adda addaatiif namni kun lola dhaqaa kamtuu shahiideedhaa jedhanin? Nabiin gaafii isaa cufa walumatti qabee itti dhiiseeti waanuma shiidee nama godhu qofa himeef. Maal jedhe; Nama maqaa Rabbii olfuudhuudhaaf kalimaa Rabbii olfuudhuudhaaf, kalimaa Rabbii olfuudhaa haqa isaa kana jalatti barbaadu santu karaa Rabbiiti jedhe. Kanaaf namni tokko yeroo karaa lolaa deemu niyyaa isaa tolfachuu qaba ta duraatii. Rabbii kiyyaaf jedhee aduwwii tana deebisa jedhee niyyachuu qaba, ta lammeessadha namtichummaan lola seenuuf deemu kunuu Rabbiin waliin jiraa shahiidummaan akkanumatti taatii, ka ibaadaa Rabbii hin qabne, ka islaamummaa Arrabsu, ka diinii arrabsu, ka qur’aana Rabbii Arrabsu kun walittillee hin dhihaatu. Kanaaf namni shahidummaa barbaadu niyyaa isaa tolfatee dura Rabbii isaatiin walitti hidhamuu qaba, lubbuu isaa tana islaamummaa jala butuu qaba, waan dalagu hunda Rabbii isaatiif jecha dalaguu niyyachuu qaba. Akkuma sani nama diin Rabbii harkaa qabu ta’uu qaba. Kanaaf karaa Rabbii irratti gargaarsifatee haqa ufii barbaaduun dhoorkaan hin jiru.

Dr. Liwaa’ul Islam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 129

Kanas dubbisi!

474: Garagaarsaf maallaqa an erge bakkaan naaf hin geenye maalin godha?
464: Nama yoo dalagaa naqee waa irraa fudhadhe akkamii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button