header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

544: Sadarkaan Hajjiin Islaamummaa keessatti qabdu maali?

  • Home
  • Hajjii
  • 544: Sadarkaan Hajjiin Islaamummaa keessatti qabdu maali?
Estimated reading time: < 1 min

Islaamummaan arkaana yookaan utubaa shan irratti dhaabbatti. Hajjiin arkaana islaamaa keessaa takka. Kan jalqabaa fi inni guddaan Rabbii tokkocha malee haqaan gabbaramaan hin jiru; Nabi Muhammad (SAW) ergamaa Rabbiiti jedhanii ragaa bahuudha. Kan lammataa salaata shanan salaatuu yoo tahu, sadaffaan baatii Ramadaanaa soomuudha. Afraffaan ammoo Zakaa kennuudha. Shanaffaan mana Rabbii dhaquu yookaan hajjii godhuudha. Salaataa fi Soomanni nama hunda irratti dirqama. Zakaan ammoo nama duniyaa qabu hunda irratti dirqama taate. Rabbiin Hajjii nama dandeettii qabu qofa irratti dirqama godhe. Deebisaa guutuu sagalee irraa dhageeyfadhu.

Dr. Jeeylaan H/Khadiir

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 132

Kanas dubbisi!

641: Intalti Heydii irra jirtu Ka’abaa Yoo Xawaafte Maaltu irrajira?
543: Sadarkaan Umraa fi Hajjii walqixa tahuu ni dandahaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!
Back to top button