header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

578: Afeerraa namni ribaa nyaatu qopheesserratti hirmaachuun danda’amaa?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Namni tokko dhala/ribaa nyaachuun beekama. Yoo namni kun Jigii/Guuza/Daboo nama yaame, affeerraa isaa kanarratti hirmaachuun danda’amaa? Nyaata inni qopheesse hoo nyaachuun hayyamamaa?

 

Deebisaa: Namtichi kun qabeenyi isaa guutumattuu 100/100 dhala tahuun yoo beekame, isarraa nyaata nyaachuun haraama taha. Jigii isaa irrattis hirmaachuun hin hayyamamu. Nama akkanaa irraa fagaachuu barbaachisa.

 

Gama birootiin yoo namtichi qabeenya garagaraa qabaatee, qabeenya isaa keessatti waatu itti makameera dhalarraa jechuu shakkii qabaanne, ykn ammoo dhugamaan qabeenya isaa keessa ribaan jiraachuu yoo mirkaneeffanne, nyaachuun haraama jechuu hin dandeenyu. Hammi nama afeerameef dhihaatu sun halaalarraa tahuu mala.

 

Haa tahuutii waan akkanaa kana irraa fagaatutu irra caala. “Waan si shakkisiisu dhiisi” jedhe ergamaan Rabbii (SAW). Kanaafuu namni waan nama shakkisiisurraa yoo fagaate, diinii ofiitiif qulqullaahe jechuudha. Kanaafuu waan shakkii qabu irrumaa fagaachutu irra filatamaadha.

 

Sheikh Muhammad Haamiddiin

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 751

Kanas dubbisi!

596: Garbuu Oomishanii Warshaa Biqilaatti Gurguruun Hayyamamaa?
572: Rifeensa Arrii halluu gurraacha dibuun hayyamamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. As wr wb Rabbii jazzaa kessaan isiin haa kaalihuu
    GAAFII Qabaa gaffii akinnaa jettee Qarishiiin Garaa Sharafaa Namaa Dabilluunnii Yoo erigaan hoo Rakkoo qabaa Fkn Dolirrii 1 Garaa Bank yoo qarshii 53 ta’aa
    Garaa Gabbaa Gurchaa Jedhaan yoo eriginnee Dolilarii 1 Qarshii 70 taa’aa Kannuu Nuttii Aamaa garanaa erigannaa Aakamii Lalilammaa Aakkaa Shar’aa Musilimmaatii Gabaan Gurichii jedhaan kunii?????

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button