header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

581: Fira shira namarratti xaxu akkamitti wajji jiraatan?

Estimated reading time: 2 min

Deebisaa Gabaabaa

 

Shira: namni ati foon kiyya yookaan ammoo fira natti aanu jettuun, kan hoggayyuu arrabaan sitti dabruufi “Rabbii jedhii na dhiisi” jetteenii kan si hin dhiifne jiraachuu mala. Ilmi namaa hanga fedheyyuu fira tahus yeroo garii walitti hammaachuun, harkaanis ta’ee arrabaan walitti dabruun numa jira. Haala akkanaa ilaalchisee Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedha. Waan inni sirratti dalagee ol osoo irratti hin dalagin, waan inni siin jedhe yookaan ammoo si godhe, fakkatuma san isaaf deebisuun badii hin qabu. Haatahuuti garuu rahiima waldhabdaniin kun nama waa jechuuni hin dandeenyetu jira. Kanaaf waan si mudate kana obsaan dabarsuu, gorsaan ifirraa deebisuuf yaaluu fi yookaan ammoo nama birootti himachuutu irra caala.

 

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Deebisaa ulamoota biyya alaa

 

Tooftaa Duraa

 

Islaamummaan rahiimummaa sufuufi nama nu miidheefis tahu dhiifama godhuu akkaan jabeessuu qofa osoo hin taane, nama hamtuu nurratti dalageef toltuu akka deebisnu nu jajjabeessa. Rabbiin (Subhaanahuu Wata’aalaa) akkana jedha:

 

“Dalagaan gaariinifi hamtuun wal hin qixxaayan; (dalagaa hamtuu) san isii (toltuu) irra caaltuun deebisi; yoosan (diinummaan) jidduu teetiifi isaa jirtu (jijjiiramtee), jaalallee kee irra jabaa tahee argita.

 

Warra obsan malee eenyulleen isii hin argatu; abbaa qooda guddaa qabu malee eenyulleen isii hin argatu”

 

[Fussilat 41:34-35].

 

As-Sa’di (Rabbiin Rahmata haa godhuufii) akkana jedha: Rabbiin “Dalagaan gaariinifi hamtuun wal hin qixxaaayan” jechuun isaa, Rabbumaaf jecha toltuu dalaguufi isaa ajajamuun, hamtuu dalaguu fi isarratti fincilanii dallansuu isaa argachuu waliin wal qixaa miti jechuudha. Yaadanis tahu, gochaan yookaan ammoo arrabaan toltuu dalaguunis akkasuma hamtuu namarratti dalaguu waliin wal qixaa miti.

 

“Sila mindaan toltuudhaa toltuu malee ni jiraa” [ar-Rahmaan 55:60].

 

Tola ooluun Rabbiin akkaan jabeesse ammoo wanta bu’aa qabu tahuun isaa shakkii hin qabaatu. Sunis ammoo akkuma Rabbiin jedhe nama hamtuu sirratti dalageefillee toltuu ooluun irra siif caala.

 

“(dalagaa hamtuu) san-isii (toltuu) irra caaltuun deebisi” jechuun kunis, harkaanis tahee arrabaan yoo namni tokko sitti dabre, keessattuu namni sun nama mirga guddaa sirratti qabu kan akka firaa, hiriyyaa fi  kkf haala gaariin deebisiif. Yoo sirraa citanis, walitti dhufeenya keessan sufi. Yoo si miidhanis, irraan dabriifi. Bakka ati jirtus tahee si duuba hamtuu tee yoo haasayanis, ati ammoo hamtuu isaanii hin haasayin. inumaahuu dhiifama godhiifi jecha gaariin itti haasayi. Yoo siin oodanis jecha gaariin dubbisi, dursii “assalaamu aleeykum” jedhiin. Haala kanaan hamtuu sirratti raawwatameefi hunda toltuu yoo deebiste mindaa guddaa Rabbiin irraa argatta.

 

“yoosan (diinummaan) jidduu teetiifi isaa jirtu (jijjiiramtee), jaalallee kee irra jabaa tahee argita” Jechuun, namni hamtuu sirratti yaadaa ykn dalagaa ture hiriyyaa haalaan sitti dhihaatu siif taha.

 

“eenyulleen isii hin argatu” kunis; haalaa fi amala akkaan bareedu kana namni dandahee gonfatu hin jiru“warra obsan malee” Rabbumaaf jecha wanta nabseen jibbitu obsaan injifatanii, hundaa liqimsanii waan Rabbiin jaalatu dalaguu agarsiisa. Ilmi nama uumamaan nama isa miidhe miidhuu kan barbaadu tahus. Akka walii galaatti namni Rabbumaaf jecha if gad qabee waan hamtuu irra toltuu filate, sadarkaan isaa Rabbi biratti olkaafamaa taha.

 

Ragaa Hadiisaa

 

Abu Hureeyraan akka gabaasetti: Namtichi tokko “Yaa Ergamaa Rabbii-firoottan itti dhihaachuuf yaalutu jira, isaan garuu ifirraa na kutan; ani haala gaariin isaan qabadha, isaan na miidhan. ani isaaniifin obsa rahmta isaanii yaada, isaan garuu na arrabsan” jedheen. Ergamanis (SAW) “Yoo akka jettu kana ta’e, akka waan daaraa hoo’aa afaan isaanii keessatti nayxeeti. Hanga ati haala kanaan itti fuftetti Rabbiin suma gargaara” jedheen. 

 

Sahiih-Muslim (2558)

 

 

Tooftaa 2ffaa

 

Namoota waliin jiraachuudhaaf haalli armaan olitti ibsame kan irra olaanaatii fi akkan jaalatamaa taheedha. Hata’u malee namni haala akkanaatiin deebisaa kennuuf jabina dhabe, yookaan ammoo namni warra isa miidhe sanitti deebi’uun hala adda addaa akka sihrii, falfala birootiin caalatti kan isa dararu tahuu sodaate, isaan irraa fagaachuufi oduun numa taha.

 

Ulamaa’iin Islaama hundinuu, Muslimni obboleessa isaa sababa gahaa malee guyyaa sadi caalaa ittiin odduun kan hin hayyamamne tahuu walii galan. Isaan waliin haasahuuniifi isaan walitti dhihaachuun dirqama amantii bahachuu irratti dhiibaa yoo kan qabaatu tahe, akkasumas amantii fi jireenya isaa irratti miidhaa yoo kan qabaatu tahe garuu, oduu fi irraa fagaachuun ni hayyamama.

 

Fataawa Noor ‘ala ad-Darb (12/474-475)

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 832

Kanas dubbisi!

593: Intala biyyaa bahuu barbaaddu maallaqaan gargaaruun akkami?
534: Ilmaan eessumaa ajnabiidhaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button