header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

647: Haadhaa Abbaa Tajaajiluu fi Toltuu biroo irratti hirmaachuu keessaa kamtu irra caala?

  • Home
  • Hukmii Addaa
  • 647: Haadhaa Abbaa Tajaajiluu fi Toltuu biroo irratti hirmaachuu keessaa kamtu irra caala?
Estimated reading time: 1 min

 

 

Hojii Kheeyrii dalaguu fi Haadhaa fi abbaa kaddamuun haala gara garatiin ilaalama. Haqni haadhaa fi Abbaa dirqama Rabbiin nama hunda irra kaahe. Kheeyrii biroo tan akka masjiida ijaaruu yookaan waanuma kheeyrii takka godhuun ammoo sirratti dirqamaa miti. Rabbiin nama toltuu dalaguun surah towbaa ayaa 91 keessatti “…Toltuu dalagdoota irraa karaan (komii) hin jiru…” jedheen. Haadhaa fi Abbaa kaddamuun ammoo fedhii osoo hin tahin dirqama. Isaan si biratti miidhamnaan irraa gaafatamta. Kanaafuu waan hunda dura wanti ati tajaajiluu qabdu haadhaa fi abbaa keeti.

Dr. Liwa’ulislaam

 

Haadhaa fi abbaa tola ooluun hojii kheeyrii gurguddoo tahan keessaa adda dureedha. Hulaa jannata ittiin galan guddoonis haadhaa fi abbaa tola ooluudhaani.

Abdullah ibn mas’uud-Hojii Gaggaarii isaa Rabbiin irraa Haa Jaalaatuu- Ergamaa Rabbii –Salallaahu Aleeyhi Wasallam-akkana jechuun gafadhe jedha: Ya Ergamaa Rabbii hojiin irra gaariin tami? Innis “Salaata Yeroo osoo hin dabarsin salaatuu” naan jedhe. San malee hoo? Jedheen; “Haadhaa fi Abbaa kabajuu” san malee hoo? Jedheen, “Karaa Rabbii irratti qabsoo godhuu” naan jedhe.

Bukhaari, 2782; Muslim, 85.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 481

Kanas dubbisi!

651: Harka bitaatiin tasbiiha godhuun hayyamamaa?
635: Footoon Albama Keessa Jiru Salaata Namarraa Balleessaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button