header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

668: Kafiila Jalaa baduun akkamitti laallama?

Estimated reading time: 1 min

 

Deebisaa: Ta duraatii wanni isiniif dhaamu, yaa shamarran keenya Rabbii isin uume sodaadhaa. Haasawa kijibdoonni isinitti odeeysan dhageeysanii kasaaraa guddoorra of hin buusinaa. Kijibdoonni heddu dhalaa waan adda addaa itti kijibanii; “yoo kafiila jalaa baatee ala baatee dalagatte horii guddoo argatta.” Jedhanii itti odeeysanii bakka hojiitii baasan. Dhalaa meeqaatam akkanatti manaa baasanii itti taphatanii, qabeenya isii harkaa saamanii harka qullaa hambisan.

 

Intalti takka kafiila jalaa dhokattee yoo baate ni dilooyti. Kun amaanaa balleessuudha. Gama birootiin dhalaan haala Kanaan mana kafiilaatii baatu rakkoo heddu ofirratti fiddi. Passport isiitiifi haqa qabdullee dhiiftee biraa deemti.  Kunis if miidhuudha.

 

Yaa obboleettii tiyya jeedalloo dheeysa jettee Yeyyii afaan hin bu’in. dhalaa heddu haala Kanaan itti kijibanii bakka dalagaatii baasanii, dhiira birootiif geeysanii itti naggadatan. Ofiifis itti taphatanii kabajaa isii xiqqeeysan.

 

Yeroo tokko tokko dhalaa mana namaa dalaydu manarraa bahuun dirqama itti tahuu danda’a. fakkeenyaaf yoo warri isiin bira dalaydu salaata isii dhoorkan bakka sanirraa deemuuf mala godhachuu mirga qabdi. Yoo zinaa itti dalaguuf isii barbaadanis, na gaggeeysaa an nin gala jettee galuu mirga qabdi. Hoggaa mana kafiilaa irraa baatus, imbaasii biyya isii ykn bakka nagaya itti argattu dhaquu qabdi. Jara akkanaa kana Rabbiin isaan haa tiysu. Isaanis of eeggannoo cimaa godhuu qaban.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 383

Kanas dubbisi!

675: Rifeensa Gabaabsuun Dubartiif Hayyamamaa?
652: Jaartii ofii keessummaa duratti waliin nyaachuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. Maashaallaha maashaallaha yaada nuu qodaniif bayyee galatooma waan bayyee isiin irraa barata jira ulafadhaa rabbi umur kessan haa dheresuu inshaallaha jzk

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button