header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

DOYDHUMMAA: Waan lubbuu ilma namaa fokkisee ajjeesu

Hayyoonni Islaamaa akkana jedhan- Islaamummaa keessatti, Warroonni Milkaa’an warra lubbuu isaanii doydhummaa irraa tiksanii walaba basuun, gama waa arjoomutti lubbuu ofii geessaniidha.

Doydhummaan (karaa kheyrii keessatti waa kennatuu diduun) amala nama ganda Aakhiraa dagateeti. Akkasuma ammas iimaanni namaa dadhabuu irraahi!

Iimaanni dadhabuun akka doydhummaa nama keessatti uumu homaa shakkii hin qabu. Inumaahuu rakkoo doydhummaatiin jijjiirama ajaa inni lubbuu irratti fidu, waan hagana jedhamee beekkamuu miti.

Hadiisa Abuu Daawud gabaase keessati Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad ((SAW)) “doydhummaa irraa fagaadhaa; namoonni isiniin duraa kan halaakaman doydhummaadhaani. Doydhummaan isaan ajajnaan doydhoomanii, firooma kutuutti isaan ajajnaan firooma kutan. Jallinatti isaan ajajnaanis ni jallatan.”jedhan.


Rabbiin ol ta’e ammoo Qur’aana isaa keessatti; “Isin warri kun dhaga’aa! Karaa Rabbii keessatti arjoomuuf yaamamtanii. Isin irraa nama doydhoomutu jira. Namni doydhoome kan inni doydhoomu lubbuma isaa irratti. Rabbiin dureessa; isintu hiyyeeyyiidha. Yoo duubatti deebitanis, Rabbiin namoota biraa kan isin hin ta’in bakka keessan buusa. Isaan eegasii akka keessan hin ta’an.”jedha.

Rabbiin tokkichi doydhummaa nurraa fuudhee, arjummaa nu haa badhaasu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button