header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Gaalaaksii

Rabbiin warra sammuu qabu ykn warra waa xiinxallu hoggaa jedhu warra akkam baana.

إِنَّ فِي خَلْقِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَاخْتِلَافِ اللَّيْلِ وَالنَّهَارِ لَآيَاتٍ لِّأُولِي الْأَلْبَابِ [٣:١٩٠]

“uumama Samiifi Dachiitiis ta’ee, Halkaniifi Guyyaa waljijjiiruu keessa, warra sammuu qabuuf Yookaan warra waa hubatuuf mallattootu jira.”(suuraa Al-Imraan Ayata 191)

Aayata kana keessatti kan Rabbiin warra sammuu qabu ykn warra xiinxalluuf  jedheen san, warra akkamii akka ta’an hoggaa ibsu Aayata itti aanu keessatti akkana jedha.

الَّذِينَ يَذْكُرُونَ اللَّهَ قِيَامًا وَقُعُودًا وَعَلَىٰ جُنُوبِهِمْ وَيَتَفَكَّرُونَ فِي خَلْقِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ رَبَّنَا مَا خَلَقْتَ هَٰذَا بَاطِلًا سُبْحَانَكَ فَقِنَا عَذَابَ النَّارِ [٣:١٩١]

“Isaanowwan sun hoggaa dhaabbataniis, hoggaa taa’aniis, hoggaa cinaachaan cinaasaniis, kanneen Rabbi yaadataniifi kanneen Uumama samiifii dachii xiinxallan ” Yaa Raabbi!”Ati wantoota kana taphaaf hin uumne, Ati waan siin hin mallerraa qulqullooyte, Ibidda azaabaarraa nu eegi”jedhan.”(suuraa Al-Imraan Ayata 191)

Ammas Rabbiin keenya Umama samii akka xiinxallinu aayata itti aanu kana keessatti nu ajaja.

 

الَّذِي خَلَقَ سَبْعَ سَمَاوَاتٍ طِبَاقًا Û– مَّا تَرَىٰ فِي خَلْقِ الرَّحْمَٰنِ مِن تَفَاوُتٍ Û– فَارْجِعِ الْبَصَرَ هَلْ تَرَىٰ مِن فُطُورٍ [٦٧:Ù£]

 

“(Rabbiin) isa samii torban  wal gubbaa (walii ol) godhee uume dha. Uumaa Rahmaan uume keessatti waan wal hinsimne ykn irrina hin agartu. Mee itti deebi’ii samii Rabbiin Uume laali. Isii keessatti waan baqaqaa tahe ykn hanqinq qabu wahi agartaa”(suuraa Al-mulk Aayata 3)

 

ثُمَّ ارْجِعِ الْبَصَرَ كَرَّتَيْنِ يَنقَلِبْ إِلَيْكَ الْبَصَرُ خَاسِئًا وَهُوَ حَسِيرٌ [٦٧:٤]

 

“Ammaas itti deebi’ii samii Rabbiin Uume laali, ijji tee dadhabdeeti sitti deebiti, haala xiqqaatoo taateen.(hanqina keessatti arguu dhabuu fi Guddina isii ajaa’ibuu irraa kan ka’e (Suuraa Al-mulk Aayata 4)

Aayatoota kanarraa wanni hubannu, akka nuti waa’ee Uumaa samiifi dachii xiinxalluu qabnuudha. Garuu harraan tana Uumama Rabbii xiinxalluun, ajaja Rabbii akka ta’eefi Ibaadaa akka ta’e beeknullee itti hojjachaa hin jirru. Kanaafuu barruu tana keessatti, uumama Rabbii xiinxalluun Guddinni Rabbii hangam akka tahe laalla.

Ajaja Rabbiin nu ajaje kana guutuuf jecha qabxii itti aanu kana qalbi takkaan haa xiinxallinu

Ifaan hogguu takka ifu yeroo sakandii takka keessatti kilomeetira kuma dhibba sadi(300,000km) deema. Ifaan sakandii takka keessatti kilo meetira kuma dhibba sadi(300,000km) kan deemu yoo tahe, Daqiiqaa takka keessatti kilomeetira miliyoona kudha saddeet (18,000,000 km) deema jechuudha. Ifaan daqiiqaa tokko keessatti kilomeetira miliyoona kudha saddeet (18,000,000 km) kan deemu yoo tahe, sa’aa takka keessatti hangam deema?, Guyyaa tokko keessatti hangam deema?, Torbaanitti hangam deema?, ji’a tokkotti hangam deema?, waggaa tokkotti kilomeetira hangam akka deemuu dandayu yaadaa mee! Fageenyi ifni tokko waggaa tokko keessatti deemuu ‘Bara Ifaa jedhama’. Akkuma hedduun keenya beeknu, fageenyi wantoota 2 jidduu jiru, kiiloomeetiraan ibsama. Garuu fageenya Urjiiwwanii kilomeetiraan ibsuun hedduu jabaata. Osoo kiilomeetiraan ibsuufis yaalii goonee, lakkofsi ilmi namaa dachii tanarratti laakkawuu danda’u wal hin gahu, kaalkuleetarrilleen waan kana herreeguu hin dandayu. Kanaafuu tooftaa ‘Bara ifaa‘ jedhamutti fayyadamna. Bara ifaa tokko jechuun fageenya ifaan waggaa tokko keessatti deemu jechuudha. Bara ifaa lama(2) jechuun fageenya ifaan tokko yeroo waggaa lamaa keessatti deemu jechuudha.  Akkuma dura ibsametti Ifaan tokko sakandii takka keessatti kilomeetira kuma dhibba sadi(300,000km) kan deemu yoo tahe, bara ifaa tokko (waggaa tokko) keessatti hangam akka deemuu dandayu tilmaamuulleen nama dhiba. Hubadhaa, ifaan tokko Sakandii takka keessatti kilomeetira kuma dhibba sadi deema.

 

Ammas bara ifaa jechuun kun maal jechuu akka tahe gabaabinaan haa ibsinuu. Ifaa humna guddaa qabu tokko osoo aduu cinaa keennee ibsinee, ifni sun dachii tana dhaqqabuuf daqiiqaa 8 fi secondii 31 tura. Daqiiqaa saddeettan kana hunda karaa dheeraa kana keessa deema jechuudha. Haaluma wal fakkaatuun Ifni aduu nu bira gayuudhaaf daqiiqaa sadeetii fi sakandii soddomii takka (daqiiqaa 8.31) tura jechuudha. Kana jachuun Aduun lafa irra jiraannurraa kiilomeetira miliyoona dhibba tokkoofi shantam(150,000,000 km) fagaatti jechuudha. Dabalataan ammallee Urjiiwwaniifi aduu yoo wal bira madaalle, aduun  irra xiqqoodha. 

Xiinxala keenya eegaluun duratti  Urjii hoggaa jennu tanuma yeroo asii ol laallu xixiqqoo agarru tana haa hubannu. Garuu hangam takka gurguddoo akka ta’an haa ilaalluu. Duraan dursinee lafti nuti irra jiraannu hangam guddoo akka taate sammuu keessatti yaadna. Itti aansuun lafti ilmi namaa irra jiraatu tun guddinni isii guddina Aduu biratti hoggaa laalamu, Aduun lafa tanarra dacha miiliyoona tokkoofi kuma dhibba sadihiin (1,300,000) caalti. Aduun akkanatti guddoo tahuu wajjiin guddina Urjii bira qabnee hoggaa laallu, Aduun xiqqeenyarraa kan ka’e hin mullattu. Urjiin gariin tan dacha biliyoona (1,000,000,000) tokko aduurra guddattuutu jira.

 

Gama biraatiin Urjiiwwan kan jiraatan Tuuta tuutaani. Tuutni Urjii tokko Gaalaaksii (Galaxy) jedhama. Ammallee tutni ykn Gurmuun  Gaalaaksiiwanii Milkiway (milkyway) jedham. Hawaa kessa Gaalaaksiiwwan Biliyoona dhibba tokkoo oltu jira jedhamee tilmaamama.

 

Mee Gaalaaksiiwwan Biliyoona dhibba tokkoo ol jiran keessaa gaallaaksii takka tan hundarra xiqqoo fudhannee haa xiinxallinu. Gaalaaksiin hundarra xiqqoo maqaan isii “masier 31″jedhamti. Lafti nuti irra jiraannu gaalaaksii tana keessatti argamti.  Gaalaaksiin hundarra xiqqoo tun Urjiiwwan miliyoona dhibba tokkoo(100,000,000) ol of keessaa qabdi. Urjiiwan kun hoggaa ilaalan xixiqqoo fakkaatanillee, heedduu gurguddoodha. Urjiiwwaan gaalaaksii kana keessa jiran keessaa tan hundarra gama keenya dhihaattu maqaan isii  ‘proxima centauri’ jedhamti. Urjiin  ‘proxima centauri’ jedhamtu tun, fageenyi isiin nurraa fagaattu Bara Ifaa Afurii fi ji’a lama taha. Gaalaaksii tana keessaa Urjiin hundarra nutti dhihaattu eega bara ifaa afuriifi ji’a lama nurraa fagaatte, Urjiiwwan biroo kanneen gaalaaksii tana keessatti argaman hangam akka nurraa fagaatan yaadaa mee. Mee dubbii tana qalbiin xiinxalaa! Ifni aduu nu bira gahuuf daqiiqaa 8 fi secondi 31 tura. Osoo aduun urjii proxima centauri jedhamtu tana bira jiraattee, ifni aduu nu bira gahuuf waggaa afuriifi ji’a lama tura jechu. Subhan ALLAH!

Gaalaaksiin takkittiin tun bal’inni isiin bal’attu xarafaa hanga xarafaatti bara ifaa kuma dhibba tokko(100,000) addaan fagaata. Ammas qalbiin xiinxalaa. Kiloomeetira kuma dhibba tokko osoo hin taane, bara ifaa kuma dhibba tokko addaan fagaata. Galgala gaafa duumeeysi hin jirre gara samii yoo ol laaltanii jiraattan, Urjiiwan lakkoofsi isaanii hin beekkamne akka xaafii facaateetti samii keessa guutanii ni mullatan. Garuu urjiiwwan nuti agarru hundi isaanii tanuma gaalaaksii irra xiqqoo tana keessatti argamtuudha. Isaanummaannuu hundi hin mul’atan.

Rabbiin nuti uumaa waa hundaati jennee itti amannu, Rabbii uumaa kana hunda uume. Kan fakkaataa hin qabne. Kan waan tokkottillee isatti fakkeessuun hin danda’amne. Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedhe.

قُلْ هُوَ اللَّـهُ أَحَدٌ ï´¿Ù¡ï´¾

Jedhi inni Allaahaadha, tokkicha

للَّـهُ الصَّمَدُ

Allaahaan of danda’aa irkoo waa hundaati.

 

لَمْ يَلِدْ وَلَمْ يُولَدْ 

Hin dhalle, hin dhalannes

 

وَلَمْ يَكُن لَّهُ كُفُوًا أَحَدٌ 

Hiriyaan tokkos isaaf hin taane.

Gaalaaksii Biliyoona dhibba tokkoo ol jiran keessaa gaalaaksiin tokko kan hundarra guddaa maqaan isaa ‘IC-1101′ jedhama. Fageenyi inni fiixee tokkoo haga fiixee kaanii  addaan fagaatu Bara ifaa miliyoona jaha(6)ni taha. Gaalaaksiin ‘IC-1101′ jedhamu kun, Baay’inni Urjiiwwan inni of keessaa qabuu Tiriliyoona dhibba tokkoo oli.

Gaalaaksiin tokkichi kun, urjiiwwan hangana baay’atanii fi guddina hangana eega qabaatee, akka walii galaaatti gaalaaksiiwwan Biliyoona dhibba tokkoo ol jiran  hangam akka guddataniifi hangam akka heeddummaatan xiinxalaa mee!. kana sammuun namaatuu yaaduu danda’aa laata? Gaafii tana isinumaaf dhiisna.

 

Amma gaa gara qabxii keenyaatti haa dhufnu. Urjiiwaniifi gaalaaksiiwwan hangana gurguddataniifi addaan fagaatan kun hundi samii jalqabaa keessatti kan argaman yoo tahe, samiin jalqabaa tan Urjiiwwan kun hundi keessatti argaman kun  hangam akka ballattu tilmaamaa.

 

Samii jechuun maal jechuudha seetan, Samii jechuun waan nuu ol jiru jechuudha. fakkeenyaaf Allaattiin samii keeysa bararti hoggaa jennu maal jechuudha? Kanas fakkeenya biraatiin laalla. Fakkeenyaaf samii akka mana guddaa tokkootti yoo fudhanne Allaattiin takka yoo mana tokko keysa bararaa jiraatte, Allaattiin mana keessa bararti akka jechuuti. Kanarraa ka’uudhaan lafti nuti irra jirruus tahee, Urjiiwwaniifi wanni hundi samii keessa jiraatanillee, waan nuu ol jiraa hundaanuu samima jennaan.

 

Samiin nuun olitti argamu kun Urjiilee dacha hagamiin akka caalu lakkoofsaan himuun rakkisaa dha. Akka tilmaama saayintistootaatti Samiin kun Urjiilee hunda dacha haganaan caalaa jedhanii himuuf lakkoofsi sun maqaa hin qabu. Gabaabumatti, Akka Saayintistoonni tilmaamanitti, Samiin kun Urjiilee hunda dachaa 1*10175caala jedhan.

Laakkofsi akkanaa kuni maali jettanii hin ajaa’ibinaa. Fakkeenya gabaabduun isinii ibsina. Laakkofsa 1 boodaan yoo zeeroo 1 daballe. Lakkofsi kun kudhan taha. Yoo zeeroo 2 daballe  100, yoo zeeroo 3 daballe 1000 yoo zeeroo 4 daballe 10,000 tahaa deemee, yoo zeeroo 6 daballe ammoo Miiliyoona taha. Kanaafuu lakkosi amma isinii hime, lakkofsa 1 boodaan zeeroo 175 dabalata jechu. Lakkofsi kun ammoo, Afaanuma kamiinuu maqaa hin qabu. Kana jedhanii himuun waan hin danda’amneef, saayintistoonni maqaa haala kanaan barreeffamaan kaayan.

Hayaagaa eega samiin tokkoffaa hangana guddatte, samiiwwan torba kanneen hafan hangam akka guddachuu dandayan lakkoofsaan kaayuun hoo dandayamaa laata? Rabbiin Qur’aana keysatti guddina samii irraa hoggaa nuuf himu akkana jedhe.

 

تَعْرُجُ الْمَلَائِكَةُ وَالرُّوحُ إِلَيْهِ فِي يَوْمٍ كَانَ مِقْدَارُهُ خَمْسِينَ أَلْفَ سَنَةٍ [٧٠:٤]

Malaykootaa fi Ruh(jibriil) Gara Rabbiitti  kan ol bahan(gara samii) yeroo amata kuma shantamitti qixxaatu keessatti( suuraa ma’aarij aayata 4)

 

Kana jechuun maleeykaan gara samii ol baate bakka ajaja Rabbi  irraa fudhatan gayuuf akka lakkoofsa keenyaatti amata kuma shantama(50,000) ta’a jechu.

 

Gama biraatiin akka hadiisa keessatti dhufetti; samii tokkoffaa fuudhanii samii lammaffaa keessatti yoo darban; akkuma nama hamartii qubatti kaayyatan fuudhee; lafa raaree balloo keessatti darbeeti jedhan. Akkasuma samii lammaffaa samii sadaffaa irratti yoo darban, akkuma nama hamartii qubatti kaayyatan fuudhee lafa raaree balloo keessatti darbeeti jedhan, akkasuma samiin sadaffaa samii afraffaa irratti yoo darban, akkuma nama hamartii qubatti kaayyatan fuudhee lafa raaree balloo keessatti darbeeti jedhan. Akkasuma samii afraffaa kan shanafaa irratti yoo darban, akkuma nama hamartii qubatti kaayyatan fuudhee lafa raaree balloo keessatti darbeet jedhan. Akkasuma samii shanaffaa kan jahaffaa irratti yoo darban, akkuma nama hamartii qubatti kaayyatan fuudhee lafa raaree balloo keessatti darbeeti jedhan, ammas samii jahaffaa fuudhanii kan torbaffaa irratti yoo darban, akkuma nama hamartii qubatti kaayyatan fuudhee lafa raaree balloo keessatti darbeeti jedhan. Akkasuma samiiwwan torbanuu waan isaan keessa jiruu wajjiin fuudhanii Arshii Rabbii irratti yoo darban, akkuma nama hamartii qubatti kaayyatan fuudhee lafa raaree balloo keessatti darbeeti jedhan.

Egaa akka Rabbiin qur’aana suuraa Zumar keessatti nuuf himee fi akka hadiisa sahiiha keessatti odeeffametti, samiiwwan kun hundi urjiiwwan isaan keessa jiran wajjiin guyyaa qiyaamaa harka Rabbii irratti maraman.  

وَمَا قَدَرُوا اللَّهَ Ø­ÙŽÙ‚ÙŽÙ‘ قَدْرِهِ وَالْأَرْضُ جَمِيعًا قَبْضَتُهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ وَالسَّمَاوَاتُ مَطْوِيَّاتٌ بِيَمِينِهِ Ûš

 

(Isaanoowwan Rabbitti kafaran) Tilmaama sirrii isa hin tilmaamne. Guyyaa qiyaamaa dachiin guutuun qabaa isaa keessa jirti, samiiwwan hundi Mirga isaa keessatti maramtuudha. Inni qulqullaahe. Waan isaan isa waliin gabbaran irraahis ol tahe.(suuraa zumar Ayat 67)

Hadiisa bukhaarii kan itti aanu kana ha ilaallu.

Ibnu Umar(Rabbi irraa haa jaalatu) akka odeeysetti, Nabiyyiin (nagayaafi Rahmanni irratti haa jiraatuu) akki jedhan:

Rabbiin qulqullaawee ol tahe! Guyyaa qiyaamaa dachii guutuu isii quba isaa tokko irratti qaba, samiiwwan ammoo harka isaa mirga keessatti qabuudhaan! Ana Mootiin jedha!

 

Rabbii keenya hangam takka guddaa dha? Rabbiin keenya waan Uume hundarra guddaadha. Rabbiin keenya ni arka ni dhagaya, Harka qaba garuu waan Uume takkallee hi fakkaatu! Guddinni Rabbii keenyaa sammuu ilma namaatiin timaamamuu hin dandayu. Sammuun ilma namaa Rabbiin tilmaamuu dhiisii, waanuma inni uumeyyuu tilmaamuu hin dandeettu. Gama biraatiin mee nuti ilmaan namaa lafti nuti irra jirruufi qabeenyi nuti qabnu hundi Rabbi biratti hangam akka xiqqo tahaniis asumaan tilmaamuu hin dagatinaa. Akkuma Rabbiin jedhettuu addunyaan tun hundi Rabbi biratti Goflaa bookee hin geeysu.

 

ALLAAHU AKBAR!

RABBIIN WAA HUNDARRA GUDDAADHA!

 

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button