header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

561. Khuxbaa Jum’aa irratti harka ol kaasanii ‘Aamiin’ jechuun akkami?

  • Home
  • Salaata
  • 561. Khuxbaa Jum’aa irratti harka ol kaasanii ‘Aamiin’ jechuun akkami?
Estimated reading time: < 1 min

Deebisaa: Gaafiin tun yeroo heddu kaati. Ulamaa’iinis deebisaa irratti kennanii jiru. Namni lameenuu badii takka hin qabu. Kan harka ol kaasee aamiin jedhes badii hin qabu. Kan usee taa’es badii hin qabu. Isa harka ol kaasee Aamiin jedheen dhiisi hin jennu. Kan dhiisee usee taa’eenis halka ol kaasii aamiin jedhi hin jennu. Abbaan fedhe waan itti tole haa dalagu. Kun waan irratti wal dhabanii miti.

 

Gaafii: Khuxbaa keessatti haasayuun dhoorkaadha jechuun ni jirti, duuba kun dubbii tanaan walitti hin bu’uu?

 

Deebii: Yeroon sun yeroo khuxbaa osoo hin taane yeroo du’aa’iiti. Imaamni eega khuxbaa xumuree booda du’aa’itti seena. Kanaafuu waan wal nama dhabsiisuu miti.

Sheikh Abdussalaam Xaahir

 

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 558

Kanas dubbisi!

565: Osoo maghriba hin salaatin masjiidatti ishaahii dhaqqabadhe. Kam dura salaatuu qaba?
533: Salaata garii dhiisaa garii salaatuun akkam?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button