header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

565: Osoo maghriba hin salaatin masjiidatti ishaahii dhaqqabadhe. Kam dura salaatuu qaba?

  • Home
  • Salaata
  • 565: Osoo maghriba hin salaatin masjiidatti ishaahii dhaqqabadhe. Kam dura salaatuu qaba?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Imaltuurra ture. Yeroo an ganda gahutti sa’aan salaata maghriibaa dabree ishaahii salaatutti jiran. Osoo maghriba hin salaatin ishaahii jama’aa wajji salaatee boodarra maghriiba salaata moo, akkam godhuu qaba? Kam dura salaata?

Gaafiin kun barreeffamarraa ifa isiniif tahuu dhabuu mala. sagalee qalbiin dhageeffadhaa

Deebisaa: Tartiiba Salaataa Rabbiin lafa nuuf kaayee jira. Namni imaltuu deemu salaata walitti qabee (Jam’ii godhee) salaatuu mirga qaba. Zuhriifi Asrii walitti qabuun ni dandayama. Maghribaafi Ishaahiis walitti qabuun ni dandayama. Akka gaafataan kun jedhutti Maghriibaafi ishaahii walitti qabutti jira. Garuu wayta inni masjiida seenu jama’aan Ishaahii salaatutti jira.

 

Akka hundattuu tartiibni salaataa eeggamuu qaba. Tartiiba salaataa eeguun kun waajiba. Waajibni kun waa 2 qofaan namarraa kufa. Tokkoffaan daguu ykn irraanfiidha. 2ffaan dhiphina yerooti. Fakkeenyaaf sa’aa inni imaltuu irraa galutti sa’aan salaata asrii dhumuuf daqiiqaan muraasni qofti yoo hafte, yeroo gabaabduu tana keessatti arsiifi zuhrii walitti qabee salaatuu waan hin dandeenyeef dursee Asrii salaatuu qaba. Gama birootiin irraanfiidhaan waan maghriiba salaate seehee yoo jama’aa wajji ishaahii salaate, achi booda maghriiba salaatuu dhabuu isaa yoo yaadate, tartiibni salaataa bakka kanatti hin laallamu. Sa’atima yaadate sanitti ka’ee maghriiba salaata.

 

Gabaabinaan gaafataan kun yeroo masjiida seenu kanatti Maghriibuma salaatuu qaba. Akkaataan itti itti salaatuu qabus akkana.

 

Haalli duraa kan inni maghriiba itti salaatuu qabu, sa’aa inni masjiida seenutti jama’aan yoo raka’aa tokkoffaa irra jiraate, isaanuma wajji maghriiba niyyatee itti seena. Wayta imaamni raka’aa 3ffaa xumuree afraffaaf ol ka’u, inni achumatti biraa hafa. Wayta biraa hafe kanas filannoo 2 qaba. Filannoon duraa wayta imaamni ol ka’u niyyaa isaatiin imaama irraa hiikkatee, Attahiyyaata qara’ee kophama isaa salaama baafata. Achi booda ol ka’ee ishaahii niyyatee jama’atti hidhata. Filannoon 2ffaa ammoo; wayta imaamni raka’aa afraffaaf ol ka’u irraa hiikkachuu osoo hin niyyatin taa’ee attahiyyaata ofii qara’a. achi booda hanga imaamni raka’aa 4ffaa xumuree attahiyyaata qara’ee salaammatutti eegee waliin salaammata.

 

Haalli 2ffaa ammo; waytuma masjiida seenu kophaa isaatti iqaammatee maghriiba salaata. Maghriiba xumuree ishaahii haga dhaqqabate jama’atti hidhatee waan hafte itti guuttata. Ulamaa’iin heddu tanaatu irra caala jedhan. Sababaan ammoo namni heddu ni dagata. Raka’aa 3ffaa irratti imaama irraa hikkachuu ykn taa’ee eeguu san irraanfachuu waan danda’uuf, haala 2ffaa kana filatee maghriiba kophaa salaatee ishaahii dhaqqabachuutu isaaf caala jedhan ulamaa’iin.

Sheikh Abdussalaam Xaahir

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 912

Kanas dubbisi!

573: Jaarsi kiyya hin salaatu, yoo salaati jedhuun “situ na gorsaa?” jedhee naan lola.
561. Khuxbaa Jum’aa irratti harka ol kaasanii ‘Aamiin’ jechuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button