header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Slooz fi Gerenuk: Bineensota Harkifatoo

Slooz

Slooz jechuun “dadhabaa, ykn ammoo laafaa”jechuudha. Bineensi kun maqaa kana akkanumaan hin arganne. Haala bineensa kanaa yoo ilaalle dhuguma maqaan isaa kun isaaf mala jennee murteessuu dandeenna.

Bineensi kun gosa lama qaba. Gariin isaanii luka isaanii irraa quba sadih kan qaban yoo ta’u, gareen lammataa ammoo quba lama qofa qaba.

Slooz hedduminaan kan sooratu baala mukaa yoo ta’u, ilbiisotaa fi simbirroota xixiqqoos ni soorata. Wanti ajaa’ibaa bineensa kanaa kan biraan garaacha isaati. Garaachi Slooz nyaata tokko bulleessee daakudhaaf torbaan tokkoo ol itti fudhata. Sirni Meetaaboolizimii ykn ammoo nyaata daakuu isaa kunis bineensota dachii kanarra jiran hunda caalaa gad aanaadha.

Bineensi kun nyaata daakuu irratti qofaa miti kan dadhabaa ta’e. Slooz deemsa irrattis suuta deema. Avreejiidhaan daqiiqaa takka keessatti fageenya meetira 1 gadi socho’a. yoo nyaatus suuta, yoo daakus suuta, yoo deemus suuta. Subhaanallaah! Haalli isaa hundi suutas ta’u yeroo heddu balaa diina isaarraa isa dhaqqabu akkuma gaararraa waan bira jiruun wal fakkaachuun dabarsa.

Slooz yeroo isaa baay’inaan muka gubbaa galuudhaan dabarsa. Kanaaf diinni isaa hamaan uumama biraa osoo hin taane manca’iinsa bosonaati. Akkuma duratti jenne heddumminaan kan sooratu baala waan ta’eef, baala san ammoo mukumarraa argata. Gama biraatiin garaachi isaas suuta waan daakuuf bineensi kun torbaanitti yeroo tokko qofa qulqullaahudhaaf mukarraa gad bu’a. Waan garaa isaa keessaa bahus akkuma adurreedhaa boolla qotee dhossa.

Dabalataan Slooz sirna walhormaata isaatis kan geggeessu achuma muka irratti. Akkuma maqaa isaa harkifataa waan ta’eef osoo bakka jiru sanirraa hin fagaatin dabarsa.



Gerenuk

Uumaan Rabbii keenyaa kanuma ajaa’ibaati. Gerenuk uumamni isaa nama ajaa’iba. Haalli isaa sattawwaan wal fakkaata.  Haalli isaatis nama kofalsiisa. Qal’inni morma isaa amanuuf nama dhiba. Lukti isaatis waan cabu fakkaata.  Gerenuk jechuun afaan Somaaliitiin “morma sattawwaa”jechuudha. Bineensi kunis baay’inaan kan argamu biyyoota akka Keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti.

Mormi bineensa kanaa haga meetira tokkoo dheerata. Ulfaatinni isaatis haga Kilograama 52 gaha. Bineensi kun bifti isaa hundi walfakkaataadha. Duydi isaa diimaa magaala yoo ta’u, garaan isaa, kokkee, nyaarri, hidhiin isaafi keessi gurra isaa adii dha. Guddinni gurra isaa fuula isaa ni caala. bineensi kun inni dhiiraa gaafa kan qabu yoo ta’u, dhalaan ammoo gaafa hin qabdu.

Gerenuk baala soorata. Akkataan itti sooratu ammoo kan ajaa’ibaati. Qaama isaa kanaan miila isaa lamaan kan duubaa qaqalloo san irra dhaabbata. Miila isaa kan duraatiin ammoo muka nyaatamu san hiixatee qaba. kana booda morma isaa meetira tokko dheeratu san ol qeensee waan barbaade mukarraa gad cira. Bineensi kun mala kana fayyadamuun baala bineensi kuuwwan bira gahuu hin dandeenye soorata.

Gerenuk bineensa walii galteedhaan jiraatuuf rakkatu keessaa isa tokko. Garee tokko keessa miseensonni haga saddeetii darbee darbee jiraatuu ni danda’u. Garuu garee tokko keessa bineensa saddeetii ol arguun hin yaadamu. Wanti akkanaa walitti bu’iinsaaf isaan saaxila. Keessattu yeroo wal hormaataatti walitti bu’iinsi warra dhiiraa jidduu jiru ka ajaa’ibaati. Gaafa qaban saniin wal akaayu. Ka mooyate mirgaan galee ka mooyatame ammoo madaa ofii fudhatee deema.

Gerenuk baala akka sooratu arginee jirra. Wanti nama ajaa’ibu garuu, bineensi kun bishaan dhuguu dhabuu isaati. Dandeettii Rabbiin isaaf uumeen bineensi kun bishaan kan argatu baaluma sooratu keessaayi. Haala kanaan bishaan barbaacha laga keessa oliif gadi hin deemu.
Subhaan ALLAH!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button