header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Baankiin Daldala Ityoophiyaa, damee addaa seera Shari’aa irratti hundaa’uun tajaajila dhala irraa walaba ta’e kennu bane

Dammeen addaa kun ‘Bilaal’ jedhamuun kan moggaafame yoo tahu, guyyaa har’aa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee Mikaa’ilitti eebbifamuu FBC gabaase.

Sagantaa eebbaa kana irratti, Prezidantiin Baankii Daldala Ityoophiyaa Obbo Baccaa Ginaa fi gorsitoonni Shari’aa Baankiichaa argamanii jiran.

Baankiwwan tajaajila dhala irraa walaba tahe kennan hedduun biyyaattiitti banamuuf qophii irra jiraachuun ifa. Tahus Baankii Daldala Ityoophiyaa jalatti dameen addaa ‘Bilaal’ hojjitti seenuun kan Jalqabaa ta’ee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button