header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Waldaan gargaarsa Mustaqbal sagantaa dhiiga gumaachuu marsaa 15ffaa geggeese

Waldaan gargaarsa Mustaqbal Muslimoota biyya keenyaatiin hundeeffamee hojii tola ooltummaa gara garaa irratti hojjeta. Guyyaa kaleessaa October 6,2019 sagantaa gumaata dhiigaa mataduree Mata duree “Ashaaraa(mallattoo) keenya diimaa bakka haa buufnu” jedhuun marsaa 15ffaa geggeessaa oole.

Sagantaan gumaata dhiigaa kun Wiirtuu Baankii gumaata dhiigaa biyyooleessaa Istaadiyoomii Finfinneetti argamu dabalatee, Masjida al-Aqsaa, Masjida Huseenii, Masjida Sheekh Hojeelee fi Masjida Beteliitti kan geggeeffame, Hawaasni Muslimaa fi hordoftootni amantaa birootis argamuun dhiiga kan gumaachaa tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Sagantaa tola-ooltummaa kanarratti waan addaa tokkootu ture. Sunis misirroonni guyyaa kaleessaa cidha godhatan, dhufanii dhiiga isaanii gumaachuun hirmatu beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button