header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Majliisni Oromiyaa Mata Dureewwan garagaraa irrattii Imaamotaa fi Du’aatotaa leenjii kennuu jalqabe

Leenjiin imaamotaa fi Du’aatotaa kennamu kun, guyyaa sadihiif karoorfamee har’a Magaalaa Adaamaa Kolleejjii Imaamuu Shaafi’i keessatti jalqabame. Majliisa Oromiyaatti Daayrektoreetiin imaamotaa fi Du’aatotaa, Leenjii marsaa lammataa kana irratti akka hirmaataniifi Zoonii fi Bulchiinsa Magaalotaa Oromiyaa hundarraa imaamotaa fi du’aatota kan affeere tahuunis beekameera.

Leenjii Adoolessa17-19/2013tti turu kana irratti Ulamoonni gurguddoon Mata dureewwan garagaraa irrattii leenjii ni kennu.

Haaluma kanaan Mata dureewwan Leenjii kanaa jidduu muraasni:
Tokkummaa islaamummaa jabeessuu
Barbaachisummaa khuxbaa(gorsaa)
Barbaachisummaa fi Faayidaa Fatwaa
Hojiilee bu’uuraa fi galma isaanii
Xiyyeefannoo da’waa kanneen jedhanii fi matadureewwaan birootis kan qophaayan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Dabalataanis hirmaattoonni haala qabatamaa naannoo isaanii irratti hundaayuun muuxannoo akka waliif dabarsan mariin kan geggeeffamu tahuus ibsame.

Xumura leenjichaa irrattis waraqaan ragaa hirmaattotaaf kan kennamu tahuullee walitti qabaan imaamotaa fi Du’aatotaa Oromiyaa Sheikh Amiin Ibroo beeksisan.

12 Comments

  1. السلام عليكم ورحمة الله تعالى وبركاته. jabaadhaa rabbiin keeyrii waan taate hunda irratti nuhaa gargaaruu

  2. Yaa obboleessa islaamaa jireenyi ilma namaa hundinuu qormaata waan ta’eef obsi obsaan warroomanii jedha oromoon yennaa mammaaku namoonni 8n rabbiin nan jaaladha jedhe sun 1warra obsanirraahi.

  3. Iyyannoo Dhaddacha jaarmaya Bultii islaamaa jazaakumullaahu keyiran Iyyannoon tiyya:_Erga Bultii jaaree Waggaa 20 geenyeeti jirra ilmaan jaha wajjiin arkkanneeti jirra akkasumaa wajjiin Akkasumaa wajjiin Rakkoo mana keeyissatti nujidduu jirtu tana narra kutteetiin obsuu dadhabee garakeeyissan iyyadhee furmaata akkanaaf laattan kabajaan isingaafadha.1ffaan Guddisa daa,immaniiratti Naaf hingargaartu. 2,Qulqullina manaa hineeyidu 3,Qulqullina joollee Naaf hineeyidu,4, fedhii qoonqoo tiyyaa naafhineeyidu 5,Ana hinkabajju malaamarii jireenyaarratti nandhageeyissu.Ani amma Alaamanadhiiseefiin irraa bahee fuudhuu fedhaa Mee maal na gorsitan?Galatoomaa As wr wb.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button