header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

566: Ayyaana Yuunivarsiitii keessatti kabajamurratti hirmaachuun akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Ani barataa Yuunivaristiity, Yuniveristii keessatti ayyaana adda addaatu jira. Ayyaana yeroo barnoonni cufamu gaggeeffamu, sagantaa eebbaa fi qophiilee adda addaatu jira. Qophiilee akkanaa kana keessatti wanti shari’aa islaaamaa kallafu heddutu jira. Ayyaana akkanaa irratti hirmaachuun akkamitti laallama?

Deebisaa: Dimshaashatti waan akkanaa kana ulamaa’iin wanti jedhan. Ayyaanni kabajamu ayyaana amantii biroo yoo tahe irratti hirmaachuun dhoorkaadha. Ibnuteeymiyaan kitaaba isaa keessatti waan kana bal’inaan irraa haasayee jira. Yoo ayyaana amantii tahe irraa fagaachuun barbaachisaadha. Qophiilee adda addaa kan Yunivarsiitii keessatti qophaayan kan amantiin wal hin qabanne garuu, yoo wanti shari’aa fallessu keessa jiraachuu baate irratti hirmaachuun rakkoo hin qabu. Wanti kun nama hunda walitti hammata. Barsiisaa ykn barataa ykn hojjataa yuunivarsiitichaatis tahu, ayyaana amantii biro taanaan irratti hirmaachuun haraama. Qophii biroo kan waan shari’aa faallessu hin qabne yoo tahe irratti hirmaachuun rakkoo hin qabu.

 

Sheikh Abdussalaam Xaahir

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 432

Kanas dubbisi!

578: Afeerraa namni ribaa nyaatu qopheesserratti hirmaachuun danda’amaa?
536:  Sooma namaaf soomuun ni danda’amaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button