Haaraya
- Sagantaa Raadiyoo Nuuralhudaa Karaa Kamiin Dhageeffadha?
- Akkamitti Miseensa Nuuralhudaa tahuu dandaya?
-
Ulamaa’iin Nuuralhudaa irratti deebisaa kennan Eenyu fa?
Ulamaa’iin haga ammaatti Fataawaa Nuuralhudaa irratti hirmaatan;
1. Sheikh Jaabir Abdallaah (Dr. Liwaa’ulislaam)
2. Sheikh Alii Jimmaa (Abuu Khaalid)
3. Sheikh Abdussalaam Xaahir
4. Dr. JIbriil Qamar
5. Sheikh Muhammad Haamiddiin
6. Sheikh Abdurrahmaan Shariif
Ulamaa’iin amma booda hirmaachuuf karoora qaban;
- Dr. Jeylaan Haaji Kadiir
- Sheikh Yuusuf ciroo fii Ulamaa’ilee gurguddoo birootis hirmaachisuuf tattaafii godhutti jirra in shaa ALLAAH.
-
Deebisaan Fataawaa Nuuralhudaa yoo Qur’aanafi Hadiisa Sahiihaan walitti bu’e maal godha?
hanga danda’ameen nuti deebisaa Qur’aanaafi hadiisaan walitti bu’u hin dhiheessinu. yoo dogongora akkasii argite deebisaa nuti maxxansine ofirraa dhiisii Qur’aanaafi hadiisa hordofi. dogongora nurraa argites gama keessaatiin nuu katabi. in shaa ALLAAH dogongora keenya sirreeffachuuf qophiidha.
-
Gaafii ariifachiisaa ammatti deebisaa barbaadu qaba.
Gaafii ariifachiisaa ulamaa’ii sitti dhihoo jiran gaafadhu. ykn ulamaa’ii beeytu telefoonaan gaafadhu.
-
Gaafii haaraya karaa kamiin gaafachuu dandaya?
Yeroo gaafii haaraya keessummeessinu kallattii hundaan beeksisa maxxansina. Facebook, Telegram, WhatsApp fii Twitter irratti beeksisa maxxansina. kanaafuu beeksisa maxxanfamu hordofi.